Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wiixineen taaksii dabalataa fooyya'ee 'excise tax' maali?
Manni Maree Bakka bu'oota uummataa yaa'ii idileesaa tibbana taa'een wiixineewwan labsii garaagaraa irratti mari'achuun koreewwan dhaabbii dhimmi ilaalatutti dabarseera.
Wiixineewwan labsii kanneen keessaa wiixineen taaksii dabalataa fooyya'ee ba'e 'excise tax' isa tokkodha.
Wiixineen labsii dabalata taaksii fooyya'ee ba'e kun meeshaalee biyya keessatti omishamaniifi biyya alaatii galan kanneen filatamanii adda ba'an irratti taaksii dabalataa kaa'eera.
Wiixineen labsii kun meeshaalee namootni qananiif dhimmi itti ba'an, fayyaa hawaasaa miidhu jedhamaniifi kanneen gabaarratti barbaadamuurraan kan ka'e yoomiyyuu gatiinsaanii gadi hin buune jedhaman irra taaksiin dabalataa akka kaa'amu eereera.
Akkaataa wiixinee labsii Kanaan zayitiin wayita ititu waan akka coomaatti geeddaramu kan kanaan dura liitiriin tokko birrii 80n gurguramaa ture birrii 104 ta'a.
Shukkaarri kiiloon tokko kan birrii 45tti gurguramaa ture harka 20n dabaluun birrii 52 ta'a.
Daakuu, dhugaatii lallaafaafi dhugaatiiwwan samsaamanii gurguraman kanneen alkoolii of keessaa hin qabne gatiinsaanii dhibbeentaa 15-30 ni dabala.
Lallaafaan birriin 12 ture birii 15 gala, bishaan saamsamee gurguramu leetiriin tokko kan birrii 10 ture birrii 11.5 ta'uu mala.
Shittoowwan, meeshaalee bareedinaafi kan ittiin of kuulan taaksiin dhibbeentaa 100 irratti dabalameera. Gatiin isaanii dachaadhaan dabala jechuudha.
Rifeensi namaa gurguramu ykn human hair, nyaarri sobaa fi wiigiin gatiinsaanii dhibbeentaa 40n dabala.
Wiixineen dalata taaksii kun konkolaataafi bajaajiiwwan irrattis taaksii dabaleera.
Fakkeenyaaf kanneen haaraa ta'an alaas haa galan keessattis haa hojjetaman taaksiin dhibbeentaa soddama ta'u irratti akka dabalamu murtaa'eera wiixinee labsii kana keessatti.
Kanneen waggaa 7 oliif tajaajilan irrattimmoo dhibbeentaa 43 dabaleera.
'Excise tax' mootummaaf galii guddaa argamsiisuun dabalatee meeshaaleen biyyaa alaatii seenaan kanneen biyya keessatti oomishamaan gabaa akka hin dhabamsiisneef yaadamee taaksii irra ka'amuudha.
Kunis ammoo oomishtoota biyyaa keessa akka jajjabeessu ogeessoti ni himu.
Meeshaaleen biyya keessatti kan oomishaman yoo ta'e omishamnii guyyaa 30 keessatti, meeshaleen kun kan alaa seenaan yoo ta'e guyyaa gumrukii keessa darbanii eegalee taaksii ni kaffalu.
Wixineen kun raggaasifamu yoo ta'e'excise tax' 307/1995 jedhamu haqamee kanaan baka buufame. Dabalataanis wixinee kanaan kan mormuu seerri, qajeelfamnifi adeemsi yoo jiraatee wixinee kana ilaalchisee fudhatama hin qabaatu.