Lammiin Awustiraaliyaa bishaan boollaa dhugaa guyyoota 12'f lubbuu of oolchite

Aadde Taamiraa Maakbiiz - Riiley fi saree isaanii

Madda suuraa, NT Police

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Taamiraa Maakbiiz - Riiley fi saree isaanii

Dubartiin baadiyyaa fagoo biyya Awustiraaliyaatti guyyoota 12 booda baraaramte biskutii nyaachaafi bishaan lolaa dhugaa turuu ishee dubbatte.

Aadde Taamiraa Maakbiiz - Riiley raaree qarqara bishaan jiru keessa yeroo konkolaataan isaanii rakkatu namoonni lama biroo isaan waliin turan.

Garuu, taa'u mannaa jechuun gareen kuni wal gargaarsaaf lamatti qoodamaniiru. Hanga yoonaa jarri hafan lafa achi buuten isaanii hin argamne.

Poolisiin akka jedhetti jarri hafan lama baadiyyaa fagoo bakka hanqinni bishaanii jirutti guyyoota 10 olif yoona rakkoo keessa jiru jedheera.

Dubartiin umrii 52 namoota kaan lama waliin Sadaasa bultii 19 ture gara Kaaba biyyattiitti kan imalan.

Sareen isaaniis waliin ture. Gareen nama sadii Kibba Aliis Ispiriingisitti ture raare laga Hu keessa kan of argan.

Balbala hospitaalatti ripportarootatti yeroo dubbattu Aadde Baakbiz Riilen guyyoota sadiif sadii ta'ani konkolaataa dhoqqee kessaa baasuf yaalaa turan.

''Guyyaa guyyaa aduun waan nama gubuf konkolaataa jala ciifna. Halkan halkan immoo konkolaataa keessa hin ciifna,'' ture jedhan.

Yeroo kanas waan qaban hunda bishaan, biskutii, dhugaatii dabalatee fixuu himu.

Aliis Ispiriing

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aliis Ispiriing magaalota gurguddoo Kaaba Awustiraaliyaatti argaman kessaa tokkodha

Kana keessa ture bishaan boollaa kan argan. Isa danfisanii dhugaa turuu himu.

''Bishaanichi qulqulluu hin turre, garuu lubbuu isaanii turseera, '' jechuun poolisiin Supparintendent Paawulin Vikaari Korporeeshinii Biroodkaastingii Awustiraaliyaatti himaniiru.

Poolisiin Aadde Taamiraa Maakbiiz - Riiley kan argate barbaacha hilikooftaraa erga gaggeessee boodadha.

Kunis, namni bakka sana jiraatu mallattoo karaa goommaa makiinaan irra deeme erga poolisii gurra buuse boodadha.

Dubartiin kuni gara hospitaalaa geeffamtee wal'aansa argachaa kan jirtu yoo ta'u kanneen badan lama barbaadamaa jiru.