Barattootni Oromoo yunvarsiitiilee naannoo Amaaraa irraa bahan laga Xaafoo buufachuu himu

Madda suuraa, Lammii Beenyaa
Barattoonni Oromoo yunvarsiitiilee naannoo Amaaraa keessaa dhufan hedduun Laga Xaafoo buufatanii akka jiran barattootni BBC'n dubbise ni himu.
Barataa waggaa tokkoffaa yunvarsiitii Injibaaraa kan tahe Fayyisaa Guddisaa, erga Gidduugala Oolmaa Dargaggoo Laga Xaafoo keessa buluu jalqabanii guyyoota jaha darbuu dubbata.
Fayyisaan ji'a lama qofaaf yunivarsitiiittii akka barate himuun miidhaan ijoollee oromoorra gahaa ture waan hammaateef dhiisnee bahuuf dirqamneerra jedha.
Fayisaan miseensa koree barattoota yunvarsitota naannoo Amaaraa irraa dhufanii Laga Xaafoo qubatanii akka tahe himuun qaamni mootummaa dhaqee dubbise akka hin jirre hima.
Namoota akka Luba Balaayiifi namoota biraa muraasa qofatu nu dubbise kan jedhu Fayyisaan, gama mootummaa naannoo Oromiyaatii qaamni dhaqee isaan ilaaluuf beellama qabaatu ilaalleen hanga ammaatti akka hindubbiifne komii qaban dubbata.
Barataa Fayyisaan barattoonni naannoo Amaaraa irraa dhufan 2,500 ta'an galmeen isaanii ana harka jira jedhulleen, lakkoosfa kana qaama mootummaa irraa mirkanneefachuuf yaaliin waajjira kantiibaa laga Xaafootiif taasifne nuuf hinmirkannoofne.
Ummattota Oromoo naannoo Somaalee irraa buqqa'uun naannicha buufataniin deeggarsa daakuu kiiloo 15 motummaa irraa argatan irraa nu gargaaraa jiru jechuun haala jireenyaa keessatti argaman ibsa, barataan kun.
Barattoonni bara kana barnoota seeraan eebbifaman 17 fi barnootaa fayyaa ykn Medisinii eebbifaman sadii gidduugalicha keessa akka isaan waliin turan himee, qormaatni itti dhiyaatee waan jiruuf yaaddoo guuddaa keessa galuusaanii illeen ni dubbata Fayyisaan.
Barattoota Laga Xaafoo bulaa turan 2,500 ol tahan jedhame keessaa hedduun isaanii ganama kana maallaqa geejjibaa barbaaddachuun gara maatii isaaniitti imaluus BBC'tti himeera.
Barattoonni 45 ammoo tasumaa maallaqa geejjibaaf oolu dhabuu irraa kan ka'e ammayyuu gidduugalicha jiru jedhe.
Barataan biraa dubbisne Usmaan Jaafar ammoo Yunvarsiitii Wallootti barataa waggaa 2ffaa ta'u himee, gidduugala dargaggootaa Laga Xaafoo keessa akka bulaa ture hime. ''Halkan yeroo rafnu barattoota Oromoo irra miidhaan waan gahuuf sodaannee dhiisnee bane'' jedhe.
Barattoota baay'ee deeggaree kan erge ummata Oromoo Kamisee jirudha kan jedhu Usmaan, Laga Xaafootti wal geenyee furmaata tokko mootummaa gaafachuuf jedhe.
Dabalataan beeksifni qaama hin beekamne irraa mooraa yunvarsiitii bakka adda addaatti maxxansamuu barattoonni Amaaraa yunvarsiitota Oromiyaa keessaa ariitiin hin baafaman taanaan barattoonni Oromoo yunvarsiitota Amaaraa keessatti barachuu hin danda'an kan jedhu yaaddoo nutti uumeera jedhe.
Usmaan gatii geejjibaallee waan dhabneef asumatti rakkataa turre jedhee, barattoonni kaan ammoo gara maatii isaaniitti gala jiraachuu hime.
Daarikterri Komunikeeshinii Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Ol-aanoo Obbo Dachaasaa Gurmuu barattonni yunvarsiitoota Kaaba biyyattii irraa dhufan Laga Xaafootti walitti qabamanii akka jiran dhageenyeerra jedhan.
Lakkoofsa barattota kanaa ilaalchisee odeeffannoo guutuu hin qabnu kan jedhan Obbo Dachaasaan, bakka buufatanii jiranii akka bittinaa'aniif bulchiinsa magaalaafi qaama nageenyaa komandi-postii nageenya yunvarsiitotaa to'atuuf dhaamsa dabarsinee jirra jedhan.
Odeeffannoo sobaa irraa kan ka'e barattonni Oromoo gara yunvarsiitota Oromiyaa keessa jiraniitti rabsamu kan jedhuun wal galmeessanii yunvarsiitota itti Ramadman dhiisanii dhufuun Laga Xaafootti kuufamaa jiru jedhan..
Garamiitii bittinfamu? Eessa dhaqu? yaaddoo nageenyaa osoo qabanii gaaffii jedhus Obbo Dachaasaan, yunvarsiitonni baay'een tasgabaa'aa waan jiraniif akka deebi'anii barnoota isaanii eegalaniif haala mijeessina jedhan.
Yunvarsiitiin Walloo bakka jiranii fudhachuuf haala mijeessuuf qophii tahuu himeera jedhanii, Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbilee Ol-aanoos deeggarsa barbaachisu ni taasisa barattota deebi'uu barbaadaniif jedhan.
Yunvarsiitii Madda Walaabuufi Odaa Bultum keessatti erga walitti bu'insi uumamee yeroo dheeraa taheera jedhanii, barattoonni naannoo sadii irraa achitti ramadaman addaan kutanii waan galaniif deebi'uuf eeyyamamoo mitii jedhan.
Akka deebi'aniif guyyoota muraasa keessatti namoota erginee mariisisuun tarkaanfii isa itti aanutti darbuuf hojjechaa jirra jedhan.
Haala barattoota Laga Xaafoo buufatanii gama bulchiinsa magaalichaan adda baasuuf kantiibaa magaalichaaf bilbillee milkaa'uu hin dandeenye.
Rakkoo nageenyaa dhiyeenya kana yunvarsitota tokko tokko keessatti uumameen lubbuun barattootaa darbuufi kaan madaa'uun himameera.

















