Abuu Bakir al-Bagdaadii: Obboleettiin dursaa garee IS ajjeefamee Tarkiin to'atamte'

Madda suuraa, Reuters
Obboleettiin dursaa garee IS duranii Abuu Bakir al-Bagdaadii kaaba Sooriyaatti qabamuu ishee aanga'oonni Tarkii beeksisan.
Dubartiin umuriin ishee ganna 65 taate maqaan ishee Raasmiyaa Awaad jedhamtu kana to'annoo jala oolchuudhaaf hordoffii taasifameen magaalaa Azaaz keessatti qabamuu ishee aanga'oonni Tarkii kun ibsaniiru.
Miidiyaaleen gara garaa aanga'oota Tarkii kana waabeffachuun akka gabaasanitti, qabamuun dubartii kanaa icciitii garee IS ilaalchisee odeeffannoo jabduun argamuu mala jedhan.
Abuu Bakir al-Bagdaadiin ammoo dhuma baatii darbee kana osoo humnoonni addaa US ari'anii qabuuf jedhanii Kaaba-Lixa Sooriyaatti of ajjeesuun isaa ni yaadatama.
Du'uun dursaa IS kun Pirezidaantii US Doonaald Tiraampiif akka milkii guddaatti ilaalama.
Garuu ammallee IS Sooriyaafi bakkawwan biraatti yaaddoo nageenyaa ta'uu akka malu qeeqxonni ni dubbatu.
Aanga'aan Tarkii Rooyitarsitti akka himanitti obboleettiin angafaa Abuu Bakir al-Bagdaadii kun qabamuun "keessoo IS ittiin hojjetu" ilaalchisee odeeffannoo argachudhaaf ni gargaara jedhan.
Waa'een obboleettii Abuu Bakir al-Bagdaadii kun hedduu wanti beekamu hin jiru.
BBC'n ammoo eenyummaa dubartii qabamtee kanaa hanga ammaatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Al Bagdaadiin obbolaa dhiiraa shaniifi dubaraa hedduu qaba,akka gabaasa Niiwu Yoork Taayimsitti hundi isaanii lubbuun yaa jiraatan, ykn yaa dhiban hin beekamu.

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin kun kan qabamte kutaa Aleeppoo Tarkiin haleellaa ji'a darbeen to'atte keessattidha.
Aadde Raasmiyaa Awaad abbaa manaashee, haadha warraa ilmasheefi ijoolleeshee shanan waliin akka jiraataa jirtus aanga'oonni Tarkii kun ibsaniiru.
Erga qabamtees garee leellistootaa IS jedhamu kana waliin shakkii walitti dhufeenya qabaachuurratti qoratamateetti.
Aanga'oonni kunneen Aadde Raasmiyaan waa'ee IS ilaalchisee "icciitii dhokataa" qabaachuu malti jedhan.
Pirezedaanti Tiraamp ajjeefamuu Abuu Bakir al-Bagdaadii kan ifa godhan ibsa gaazexeessitotaaf Onkoloolessa 27 Waayit Hawusitti kennanirratti ture.
Abuu Bakir al-Bagdaadiin bakka dhokannaarra ture kutaa Idliib keessatti osoo humnoota addaa US isa marsan jalaa miliquuf yaaluu akkuma dahoo lafa jalaa seenuun boombii ofirratti dhoosuun of ajjeese jedhan Tiraamp.

Madda suuraa, Reuters
Boodarra viidyoon loltoonni US gadi dhiisan akka agarsiisutti helekooptariin waraanaa loltoota lafoo baqataa jiranitti osoo dhukaasuu agarsiisa.
Bakki kun itti ta'es mooraa Abuu Bakir al-Bagdaadiin keessa dhokatee turedha.
Humnoonni Komaandoo US erga bakka sana bu'anii booda ammoo dallaa mooraa Abuu Bakir al-Bagdaadiin diiganii seenuudhaan akka harka kennatuuf gaafatanii turan.
Haata'u malee, al-Bagdaadiin didee gara dahoo lafa jalaati baqachuun boombii hidhatee ture ofirratti dhoosuudhaan ijoollee isaa lama qabatee ture waliin of ajjeeseera jedha odeeffannoo humna waraanaarraa argame akka mullisutti.
Pirezedaant Tiraamp, du'uu nama kanaa mirkaneeffachuudhaaf eenyummaan Abuu Bakir al-Bagdaadii qorannoo DNAtiin adda bahee beekameera.
Erga sanaa as IS gaggeessaa haarawaa Abuu Ibraahim al-Hashemii al-Quraashii filachuu beeksiseera.














