Dhaabbata Maayikirosooft: 'Torbanitti guyyoota 4 hojjachuun oomishtummaa guddisa'

Hojjettoota magaalaa Tookiyoo keessa boqonnaa yeroo ('naappii') fudhataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maayikiroosoftiin damee Jaappaan torban guutuu hojjachuurra guyyaa 4 qofaa hojattoota hojjachiisuun harka 40'n gurgurtaan dabaluu hime.

Kuni kan irra gahame yeroo yaalii taasifameeni.

Biiroon yeroo hunda guyyaa Jimaataa cufuun hojjattootni yeroo hojii guutuu hojjatan 'boqonnaa addaatu' kennameef yeroo yaalii kanatti.

Kana malees, walga'ii taa'uun daqiiqaa 30'tti daangeffame, toora intarneetiin mariyachuun fuulaaf fuulattii waliin mariyachuu caalaa jajjabeeffamaas ture.

Biyyi Jaappaan biyyoota yeroo hojii dheeraa qaban keessatti ramadamti.

'Sirnaan boqonnaa fudhadhu'

Qo'annoon bara 2017 qo'atame akka agarsiisutti kaampanoonni Jaappaan 1/4ffaa ta'an hojjattootasaanii ji'atti sa'aatii 80 caalaaf hojjechiisu. Haa ta'u malee, yeroo baay'ee kaffaltiin hin kennamuf.

Yeroo yaaliin ji'a tokkof taasifame fayyadamni annisaa elektirikii 23%'n kan xiqqaate yoo ta'u itti fayyadamni waraqaas 59%'n xiqqaateera. Kuni egaa Hagayya bara 2018 waliin yeroo wal bira qabamudha.

Yaalii akkanaa dhaabbatichi yeroo lammataaf hojiirra oolchuuf akka yaade ibsus isa ammaatti garuu hojjettootaaf 'boqonnaa addaa' hin kennu jedheera.

Fallaa kanaan garuu, kanneen gabaa intarneetarraa, Alibaabaa, hundeessan keessaa tokko kan ta'e Jaak Maan guyyaatti sa'aatii 12'f guyyoota jahaf hojjettoota hojjechiisuun ''waan dansaati'' jedhee ibsee jira.