Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atleet Fayyisaa Leelisa: 'Meedaaliyaan Olompiika Riyoo yaadannoo wareegamtootaati'
Atleet Fayyisaa Leellisaa Meedaaliyaa Meetii dorgommi Maaraatoonii Olompiika Riyoorratti argate wareegamtootaaf yaadannoo akka ta'u Kamisa dhufu galma Barukumeetti dabarsee kennuuf qophaa'uu beeksise.
Olompiika Riyoo bara 2016'tti gaggeefame irratti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomee, lammaffaa yoo bahu mallattoo diddaa Oromoo agarsiisuun mormii agarsiiseen kabajaa fi beekamtii guddaa horateera.
Waggaa sadii dura Riyoo irraa gara Ameerikaa yeroo galetti, waadaa Meedaaliyaa argate wareegamtootaaf yaadannoo akka ta'u gale kabajuuf sirna kamisa dhufuu qopheessuus BBC'tti himeera.
''Uummata Oromoo qabsoo kanatti wareegameef, kan maatii isaanii qabsoo kanatti dhaban, kan gara fuula duraallee aarsaa kaffaluuf jiran akkasumas kanneen quuqama Oromummaa qabaniif yaadannoo akka naa ta'u jedhee Minisootaatti waadaa galeen ture'' jedha Atleet Fayyisaan.
Kuniis ''gaafan jijjiiramni wayii dhufee biyyatti gale muuziyeemi Oromiyaa keessa taa'ee namni hundu akka kan isaa ta'etti akka dhaqee daawwatun godha'' jedheen tures jedha.
Waadaa kana akkuma biyya galeen si'a lama qophii qopheessee qabatamaan agarsiisuuf yaalus rakkoowwan nageenyaarraa kan ka'e osoo hin milkeessiin hafee amma milkaahuufis nutti himeera.
Fayyisaan sababa mormii agarsiiseef meedaaliyaan isaa dhorkamee, erga inni Ameerikaa galee Waldaa Olompiikii Addunyaan akka kennamuuf murtaa'e. Waadaa kanas sana booda galuu isaa yaadata Atleet Fayyisaan.
Kamisa dhufu qophii Galma Barkumeetti gaggeefamuun Fayyisaan meedaaliyaa isaa mootummaa Naannoo Oromiyaaf (bakka uummata Oromoo bu'ee) ifatti akka dabarsu nutti himeera.
Yeroon Waadaa galuu ''qaama Biyya Oromiyaa hoogganuufin'' kenna jedheen tures jedha.
Guyyuma kanas Faawundeeshiniin maqaa Atleet Fayyisaa Leellisaan mogga'es ni hundeeffama. Faawundeeshiniin kun adda durummaan namoota harka qalleeyyii fi qabsoo keessatti miidhaman gargaaruu, ispoortessitoota cimsuu, kabajamuu mirga namoomaaf falmuurratti hojjetaa nuun jedheera.
Atleet Fayyisaa Leellisaa erga gara biyyaatti deebi'ee miidhama isa muaterraa kan ka'e dorgommiwwan irratti hirmaatee hin milkoofne.
''Akkuman biyyatti deebi'een shaakala eegaleen ture garuu rakkoo somba koo mudateen dhibameen guyyoota 45'f Ameerikaatti yaalamaan ture. Achitti infeekshinii Sombaa qabaachuun dhibamuu koo natti himaniiru.''
''Bayyee dhibameen ture'' kan jedhu Fayyisaan, qilleensi biyya baruuf isa rakkisuus dubbata.
Ji'oota dhufan shan keessattis dorgommii irratti himaachuuf gahumsa guutuu akka hin qabaanne nutti himeera.