Gargaaraan Komishinaraa Poolisii Naannoo Amaaraa to'annaa jala oolfaman

Hogganaan Olaanaa Misooma Damee Kominikeeshinii Odeeffannoo Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa Komishinar Sa'id Ahimad to'annoo jala oolfamuun himame.

Komishinarri Gargaaraa Sa'id Ahimad to'annaa jala oolfamuu isaanii namoota maatii isaaniitti dhiyoo ta'an irraa 'BBC Amharic' kan mirkaneeffatera.

Aanga'aan to'annaa jala oolfame kun maatii isaa waliin akka walarguu danda'an barameera.

Qodaaltonni olaanoo Poolisii Naannoo Amaaraa torbanii oliif leenjiifi gama gamaarra akka turan miseensi poolisii naannichaa maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan tokko BBC'tti himaniiru.

Aanga'aan hidhame kunis leenjiifi gamaaggama jedhame kana waliin walqabatee ta'uu akka danda'u miseensi poolisii kun tilmaama qaban ni dubbatu.

Komishinara Garagaaraa kana akka hidhamuuf sababii maal akka ta'e sirriitti akka hin beekne miseensi maatii tokkoo kan himan yoo ta'u, namoonni dhimmicha itti dhiyeenyaan kan hordofaa jiran tokko tokko garuu rakkoo nageenyaa Waxabajjii 15 Naannoo Amaaraatti uumamee tureen walqabachuu mala jechuun tilmaamu.

BBC'n Komishinarri Gargaaraa Sa'id Ahimad guyyoota muraasa dura akka to'annaa jala oolfaman ilaalchisee miseensa maatii isaa tokkorraa mirkaneeffachuu danda'ullee, aanga'oota Komishinii Poolisiifi Nageenyaa Naanichaarraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasisee ture garuu hin milkoofne.