Jaaq Shiraaq: Pirezidaantiin Faransaayi duraanii ganna 86'tti boqotan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedaantiin Faransaayi duraanii kan dhumni bara mootummaa isaanii yakka malaammaltummaadhaan hedduu hadheefamaa ture Jaaq Shoraaq umurii ganna 86 boqotan.
"Pirezedaant Jaaq Shiraaq ganama har'aa bakka maatiin jiranitti nagaadhaan boqotaniiru," jechuudhaan soddaan isaa APF'tti himeera.
Obbo Shiraaq marsaa lamaaf pirezedaantii Firansaayiin ta'anii kan tajaajilan yommuu ta'u biyya isaanii gara gabaa Awurooppaa maallaqa tokko fayyadamaniitti makanii turan.
Yaa'iin Biyyaalessaa Faransaayi ammoo daqiiqaawwaniif callisuudhaan isa yaadataniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Jiib-Kilaawude Jaankar, Pirezedaantii Komishinii Awurooppaafi ministira muummee Luuzenbarg duraanii, "oduu gaddaa kana dhaga'uun koo baayyee na rifaasiseera" jedhan.
"Awurooppaan nama guddaa tokko dhabuu qofaa miti, pirezedaantichi hiriyyaa cimaa tokko dhabuu isaati gadda guddaadha," jedhan Obbo Jaanker yeroo gadda isaanii ibsan.
Rakkoo malaammaltummaa irratti ka'u
Shiraaq bara 1932 kan dhalatan yommuu ta'u ilma manaajera baankii turan. Akka gaggeessaa biyyaatti bara 1995 hanga 2007 kan tajaajilan yommuu ta'u, kun ammoo waraanaan booda kan isaan dura ture garee Sooshaalistiirraa Firaankos Miteeraanditti aanuudhaan nama biyya sana yeroo dheeraatiif gaggeessedha.
Erga aangoorraa bu'anii fayyaan isaanii hanga Kamisa lubbuun boqotaniitti gaduma deema dhufeera.
Kana malees, Shiraaq akka ministira muummee Firaansittillee tajaajilaniiru. Haata'u malee garuu maqaan isaanii yakka malaammaltummaa waliin ka'aa ture.
Bara 2011 keessa yeroo akka Kantiibaa magaalaa Paaris ta'anii tajaajilaa turan maallaqa uummataa ofii dabarfateera jedhamee himatamaa tureera.
Haaromsa siyaasaa biyya keessatti fide keessaa kan maqa dha'amu tokko bara turtii aangoo pirezedaantummaa kan duraan waggoota torbaaf turu gara waggaa shaniitti gadi deebiseera.
Ejjennoo duraanii tokkummaa Awurooppaa mormuurraa gara heera Gamtaa Awurooppaa tumuutti jijjiiramanii turan.
Bara 2003 keessa, waraana Ameerikaan durfamuun Iraaq irratti baruma sana gaggeeffame addu durummaan mormaa turan.
Bara 2005 keessa dhibee onnee cimaatiin qabamanii rakkaachaa turan. Bara 2014 keessa ammoo haati warraa isaanii Bernaadeet rakkoo yaadachuu akka inni qabaataa dhufe hubachuun kanaan booda hawwaasa duratti ba'anii haasawaa hin taasisan jettee turte.















