Raashiyaa fi Yuukreen hidhamtoota waliif deebisan

Lammiileen Yuukreen wayita maatiidhaan walargan

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaa fi Yuukreen erga waldhibdeen gidduusaaniitti uumamee namoota gara lameeniiyyuu hidhaman bilisa baasuun waliif deebisan.

Sagantaan hidhamtoota waliif deebisuu kun yeroo dheeraaf eegamaa kan tureedha.

Lammiileen Yuukreen Raashiyaa keessatti hidhamanii turan 35 kan gadi lakkifaman yoo ta'u kan Raashiyaa garuu hagam akka ta'an hin beekamne.

Kanneen keessaa 24 yabaltoota galaanarraa kanneen Raashiyaan hiitee turteedha.

Buufata xiyyaaraatti wayita namootasaanii simatan Pirezidaantiin Yuukreen Volodymyr Zelensky ''waraana nu jibbisiisaa nu giduutti yeroo dheeraaf ture kana hambisuuf hojii guddaa hojjechuu qabna. Hojii ijoon tokko lammiilee keenya mana hidhaa jiran bilisa baasuudha'' jedhan.

Raashiyaanis lammiileen ishee bilisa ba'uun manatti deebi'uu isaaniitti hedduu akka gammadde ibsite.

Hariiroon Raashiyaa fi Yuukreen erga bara 2014 as baay'ee laaffateera.

Bara sana Raashiyaan qaama Yuukreen kan taate Kiriimiyaa qabattee turte.

Hidhattoonni Raashiyaas lo'anii seenuun abbaa qabeeyummaa Kiriimiyaa mirkaneeffachuuf jecha baha Yuukreen haleeluu eegalan.

Erga waldhibdeen uumamee as namoonni 13 du'aniiru.

Eebla darbe kan filataman pirezidaantiin Yuukreen Obbo Zelensky hojiin isaanii jalqabaa waraanaa dhaabuu akka ta'e waadaa galanii turan.

Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti biyyoonni lameen namoota hidhanii turan waliif deebisuun araara uumuu keessatti qooda guddaa qaba.