MM Abiy Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waliin mari'atan

MM Abiy Qulqulluu Sinodosii waliin mari'atan

Madda suuraa, PMO ETHIOPIA

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waliin mari'atan.

Tibbana Koreen Luba Balaay Mokonniinin durfamu Waajjira Mana Lubummaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii sadarkaa Oromiyaatti hundeessuuf yaadni kaase ijoo dubbii ta'eera.

Dhimma waajjira hundeessuuf gaaffii dhihaate irratti Qulqulluun Sinodosii guyyaa kaleessaa mari'achuun isaa gabaafamee ture.

Guyyaa har'aa immoo abbootiin amantaa Qulqulluu Sinodosiirraa dhufan waajjira Ministira Mummeetti bakka MM Abiy fi MM Itti - aanaa Dammaqaa Mokonniin argamanitti marii gaggeessaniiru.

Marii har'a A.L.I Qaam'ee 1 bara 2011 taasifame irratti erga MM Abiy aangoo qabatanii as wanta bulchiinsi isaanii hojjete mariataniiru.

Akka Waajjirri Ministira Muummee jedhetti Paatiriyaarkiin Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaasiifi Phaaphaasonni kaan waan MM Abiy dalagan kaasuun galateeffataniiru.

Rakkoowwan qunnaman jedhan abbootiin amantii MM Abiyyiif dhiheessaniiru jedhameera.

MM Abiy gama isaaniin bulchiinsi isaanii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo tokkoomteefi cimte akka fedhu himaniiru jedheera Waajjirri Ministira Muummee.

Kunis faayidaan isaa hordoftoota amantichaaf qofa osoo hin taane biyyaafis akka ta'e dubbachuun isaanii himameera.

Ifatti rakkoowwan abbootiin amantii dhiheessan maal akka ta'e Waajjirri Ministira Mummee waan jedhe hin qabu.

Ta'us bakkeewwan adda addaatti kan dhiheenya Godina Sidaamaatti rakkoon nageenyaa yeroo dhalate dabalatee manneen amantaa gubataniiru.

MM Abiy rakkoowwan mudatan jedhaman rakkoowwan yeroo jijjiiramaa mudataa jiran akka ta'an himan.

Rakkoowwan dhihaatan waliin akka furanis himaniiru jedheera Waajjirri Ministira Muummee.

MM Abiy Paatiriyaarkii mana amantaa Ortodoksii biyya keessaafi alaa turan walitti fiduf hojiin hojjetan milkaa'un isaa ni yaadatama.

Hordoftoota amantaa Islaamaa birattillee rakkoon majilisaa tureefi kaan mariin akka furamu carraaqqiin taasisan olaanaadha.