Naannoo Amaaraatti lagni guutee lubbuu namoota lamaa galaafachuun oomisha hek. 2,300 irraa mancaase

Madda suuraa, Amhara Mass media
Kibba Gondar Aanaa Liiboo Kamkam jedhamutti hidhi Rib jedhamuu fi lageewwan galtee tahan akka malee guutanii dhangala'uun lubbuu namoota lamaa galaafachuun qabeenyis manca'eera.
Gandoota aanichaa saddet keessatti manneetiin 2, 203 akkasumas aanaa Foogaraa keessatti ammoo gandootni 10 manneetii 2400 gariini fi guutummaan guutuutti bishaaniin irra dhangala'eera.
Laggeenii fi hidhi Rib akka malee guutuun yaa'a isaan ala dhangala'uu kan jalqabe jalqaba ji'a kanaa tahuu jiraattotni himaniiru.
Namootni naannicha jiraatanis achii baafamaa kan jiran yoo tahu hojiin lubbuu baraaruus akka hojjetamaa jiru EBC gabaase.

Madda suuraa, EBC
Aanichatti gandootni jaha akka malee kan miidhaman yoo tahu oomishnis manca'uu himameera.
Aanichatti ogeessi ittisa balaa fi akeekkachiisaa obbo Wondesan Areggaa sababa balaa Kanaan oomishni lafa hektaara 2300 irra jiru guutummman guutuutti manca'uu isaa himan.
Miidiyaan naannoo Amaaraa akka gabasetti ammoo oomishni ruuzii aanolee lamaan keessaa 80% manca'eera.
Namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'an bidiruudhaan gara turtii yeroof qophaa'eetti geeffamaa akka jiran EBC gabaase.
Tibbana lolaan biyyoota akka Chaayinaa fi Hinditti lubbuu namootaa galaafachuun miliyoonotaa ammoo qe'ee irraa buqqiseera.














