Manni Maree Baalaadaraa ofiin jedhu murtee paarlaamaa tibbanaa morme

Iskindir Naggaa

Madda suuraa, Facebook

Manni Maree Baalaadaraa ofiin jedhuufi bu'uura seeraa hin qabne murtee mana maree Itoophiyaa tibbanaa mormuun ibsa baase.

Paarlaamaan Adoolessa bultii 24 walgahii arifachiisaa taasiseen yeroon filannoo mana maree Finfinnee fi magaalaa Dirree Dhawaa akka dheeratuufi faayidaa ummataaf jecha namoota lafa isaanii gadhiisanif beenyaa kanfalamu irratti labsii raggaasiseera.

Dura taa'aa mana maree baalaadaraa ofiin jedhu kan ta'an Obbo Iskindir Naggaa filannoon magaalotaa achi dheeratuun jiraattota irrattis tahe biyyattii irratti dhiibbaa qaba jedhun BBC'tti himan.

Akka isaatti filannoon hanga taasifamutti dhimma lafaa ta'e kaan akkuma jirun osoo turee gaarii akka ta'eefi kanaan invastimantiinis tahe carraan hojii ni miidhama yaada jedhu akka hinqabne himan.

''Bulchiinsi magaalaa Finfinnees ta'e Kantiibaa Itti - aanaa Injinar Taakkala Uumaa haala faayidaa magaalatti kabachiisuun socho'aa hin jirani,'' jechuun isaan qeequ Obbo Iskindir.

Mana maree Finfinneef waggaan tokko dheerate aangoo isaas waan xumureef paarlaamaan biyyattiifi qaamoleen dhimmi isaa isaan ilaallatu bulchiinsa ogeessotaa walaba tahe akka hundeessan gaafataniiru.

Bulchiinsi walaba tahe hundaa'u dhaabata siyaasaatti kan hidhata qabu ta'u hinqabu kan jedhan Obbo Iskindiir hanga filannootti hojii mootummaa akka hojjetu ibsa baasaniin eeraniiru.

Bulchiinsa haa hundaa'u jedhan keessatti manni maree isaanii akka hin hirmaanne kan ibsan Obbo Iskindir miseensi mana maree isaanii hirmaatu fedhan yoo jiraatan hirmaachuu danda'u jedhan.

Isin ni hirmaattu kan jedhaman Obbo Iskindir fedhii akka hinqabne ibsaniiru.

Manni maree baalaadaraa jedhee ofiin waamu manni maree Finfinnee amma bulchaa jiru faayidaa addaa Oromiyaan Finfinnee irratti qabdu hojiirra oolchuuf socho'aa jira jechuun himata.

Sababa kanaan ummanni magaalatti bakka bu'ameera jedhanii akka hin amanne dubbatu.

Kana dura kan magaalaa Finfinnee bulchan dhaaba OPDO (ODP) irraa ta'u yaadachiisuun Injinar Taakkalan faayidaa addaa kana kabachiisuuf wanti adda taasisan maali jedhamani kan gaafataman Obbo Iskindir ''gaaffiin ijoo kan yeroon yeroon fidedha,'' jedhu.

Kana dura kantiibonni turan yeroo dhaabni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) dhaaba ADWUI keessatti qooda guddaa yeroo qabutti eeruun ''amma immoo olaantummaan ODP waan jiruf dhimmicha adda taasisa'' jedhaniiru.

Dabalanis, kana dura sirni ''abbaa irree'' waan turef faayidaa addaa irratti gaaffii kaasuu akka hin danda'amne himun amma hamma tokkos ta'u gara dimookiraasitti ce'aa waan jirruf gaaffii kana kaasuu dandeenye jedhan.

Murtee manni maree dabarse mormuu

Obbo Iskindir murteewwan manni maree dabarse lamaanuu faayidaa ummata Finfinnee kabachiisuu dhabuu qofa osoo hin taane sadarkaa biyyaattillee ergaan qabaachuu malu gaarii miti jechuudhaan sababii ittiin morme ibsa.

Dura ta'aan 'Baalaadaraa' kun akka jedhanitti, murtee manni maree dabarse gaaffii keessa galchuu osoo hin taane murteewwan kun sirrii akka hin taane ibsa.

Murteewwan bakka buutonni mana maree dabarsan hundi deeggarsa ummataa qaba jechuu miti kan jedhu Obbo Iskindiir, murteewwan irratti gaaffiin ni ka'u. Nutis bu'uuruma kanaan gaaffii kaasna jedha.

Isa kana dura mootummaan Xaaliyaanii walitti-dhufuun ijaaran erga diigamee booda kan ijaaramee sana Itoophiyaatti akka ijaaramu akka fedhu dubbatu Obbo Iskindiir.

Filannoo dura bulchiinsa ogeessotaa walaba ta'e hundeessuun gara hojiitti ce'uudhaaf yeroon ga'aan jira jechuunis hima.

Dhimmi kun saffisaan furmaata kan hin arganne yoo ta'e gara rakkootti guddata gimgamaa jedhu qabna jechuun soda qabu dubbata.

Ogeessota kana gurmeessuun gara hojiitti galchuudhaaf yeroo gabaabaa qofa barbaada kan jedhu Obbo Iskindir, kanaaf ammoo muuxannoo Xaaliyaanii fudhachuun ga'aadha jedha.

Xaaliyaaniin dinagdee guddaafi ummata miliyoona 70 akka qabdu eeruun, yeroo ji'oota hin guunne keessatti ogeessota walabaa hundeessanii hojiitti galanii agarsiisaniiru. Kanaaf, nu birattis kana gochuun ni danda'ama jedha.

"Kan nu barbaachisu qajeelummaafi kutannoo siyaasadha," jechuun filannoo bara dhufu gaggeeffamu irratti shakkii akka qaban himu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhiyeenya kana ibsa yeroo kennan filannoon itti aanuu, 'osoo gaggeeffamee gaariidha. Isa ilaalcha keessa galchinee hojjechaa jirras; ta'us garuu hin murteessine, kan murteessinus qofaa keenya miti' jedhanii turan.

Dhimma filannoo irratti isa dubbatef yaada MM Abiy ilaalcha keessa akka galche hima.

Finfinneen haala amma jiruun yoo itti fufte deemee deemee bakka tokkotti rakkoo uuma amantaa jedhu qaba Obbo Iskindiir.

Kanaaf ammoo kan hundi keenya itti amannu, gama seeraan, hamileefi siyaasaan fudhatama kan qabaachuu danda'u bulchiinsa ogeessotaa walaba ta'e haa hundaa'u kan jedhes kanumaaf ta'uu ibsa.

Kantiibaa Itti - aanaan waan gaarii homaa hin hojjennee?

''Kantiibaan Itti - aanaa magaalaa Finfinnee magaalatti bakka hin bu'an jenne malee homaa wanta gaarii hojjetaa hin jirani hin jenne'' jedhu Obbo Iskindir.

''Kantiibaa Itti - aanaa waliin dhuunfaatti mormiis ta'e lola hin qabnu. Kan morminu ejjennoo siyaasaa isaanii, yaadaafi waan bakka bu'anidha.''

''Isaan qofa osoo hin taane kan ijoodhaan morminuufi qabsoofnu dhaaba bakka bu'an ADWUI'tiini,'' jechuun galmii isaanii filannoo dhufu irratti magaalaa Finfinnee keessatti ADWUI'n akka hin filatamne gochuu ibsaniiru.

Bulchaan Finfinnees ta'e ADWUI'n fedhii ummata magaalattii hedduu bakka hin bu'ani jechuun himu Obbo Iskindiir.

Kanaanis, Injinar Taakkalaan ejjennoo isaanii jijjiiranii mana maree baalaadaraa yoo dhufa jedhan haaloo tokko malee ofitti fudhanna jechuun ibsan.

Paartiilee siyaasaa momituu keessaa fedhii ummata Finfinnee ni kabachiisa kan jettan jiraa jedhanii kan gaafataman Obbo Iskindir isa qorataa akka jiran himan.