Iskindir Naggaa: Finfinnee irratti bakka bu'iinsa uummataa qaamni qabu mana maree kana qofadha

Madda suuraa, Facebook
Gaazexeessaa Eskindir Naggaa dhiyeenya kana magaalaa Finfinnee keessatti mana maree abbaa imaanaa magaalaa Finfinnee jedhamu hundeessee sochiitti jira.
Finfinnee keessatti qaamni bakka bu'iinsa uummataa qabu mana maree kana qofas jedha. Gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasiseera.
Manni Maree hundeessitan maal inni?
Walgahii torban darbe gooneen ibsa ejjennoo abbaa qabxii afurii baafnee mannii maree kun isaaniin hojiiirra oolchuuf hundaa'e. Uummanni argame bakka bu'uumsa guutuu nuu kenneera. Yeroo kanatti Finfinnee irratti bakka bu'iinsa uummataa qaamni qabu mana maree kana qofadha.
Manni maree magaalaa Finfinnee bulchu bara filannoo isaa xumureera, Kantiibaaniis uummataan kan filatame miti.
Ibsoonnii ejjeennoo kahaman maali?
Inni jalqabaa Finfinneerratti eenyuyyuu uummatnis ta'e, sabnis ta'e naannoon dantaa addaa qabu hin jiru kan jedhuudha.
Xiyyeeffannaan mana maree kanaa inni ijoon garuu Finfinnee irrattis ta'e oromiyaa irratti mootummaan uummataan filatame waan hin jirreef, tokkoffaa dhimmi daangaa Finfinneefi Oromiyaa gidduu jiru lammaffaan ammoo naannoo magaalota uummata qubachiisuuf sagantaan jiru akka dhaabbatudha.
Kana jechuun warri kana karoorfatan waan kana haa dhaaban jechuu osoo hin taane, mootummaan uummataan filatame gama lamaaninuu hanga dhaabbatutti, dhimmooti murteessoo akka kanaa hojii irra ooluu hin qabani.
Kun mirga diimokiraasii isa bu'uuraati. Kana ilaalchisee ejjennoo uummataa MM abiy Ahimad, Pireezidant Lammaa Magarsaafi Injinar Taakkalaa Uumaaf xalayaa galchinee jirra. Yeroo gabaabaatti murteen nuuf hin kennamu yoo ta'e gara uummataatti debina jechuudha.
Mootumman uummataan filatame hin jiru naan jetteetta. Ammoo Injinar Taakkalafis , MM Abiy akkasumas Obbo Lammaaf xalaya galchine jette. Erga uummataan hin filatamne ta'e maaf isaan biratti xalayaa galchitan?
Mootummaa irra isaantu jirakaa. Hojiin guyyuu mootummaa hojjetamuu qaba. Mootummaan uummataan filatame hin jiru jechuun mootummaan hin jiru jechuu miti. Hojiin guyyuu hojjetamuudhuma qaba.
Gaheen warra aangoo irra jiruu hanga filannoon dhufutti hojii guyyuu motummaa hojjechuudha. Mootummaan nu barbaachisa. Heeraa fi seerri kabajamuu qaba sana kan hojjetu ammoo mootummaadha garuu wantoota bu'uuraa murteessuu hin qaban.
Manni maree isin amma dhaabdan bu'uura seeraa maalii qaba?
Eeyyee. Nuyi seera qabeessadha jenna. Seera qabeessa kan nu taasisu uummanni bakka bu'iinsa nuuf kenneera. Seerri gosa garaagaraa qaba keenya ija siyaasaa fi 'morally' fudhatama qaba uummata kallattii arfaniinuu yaa'ee dhufeen bakka bu'uumsi nuu kenname.
Uummanni Magaalaa Finfinnee milyoona 4 oli, galma tokko keessatti nama kuma lama hin caalle waamtanii uummanni bakka nu buuseera jechuu dandeessuu?
Eeyyee uummatni walitti qabame saamudadha. Saamuda jiraattota magaalaati. Namni kuma kudhanii ol irratti argamee bakka nu buufateera, kun ammoo uummatni bakka nu buufateera jechuuf gahaadha. Uummanni hundi kan miliyoona 7 ta'u hin argamne. Garuu kallattii magaalattii hunda irraa warri bakka bu'anii dhufan sagalee nuuf kennanii jiru.
Nuyi amma kan jechaa jirru, wanti nuti amannu hojiirra haa oolu miti. Hanga filannoon gahutti murteewwan imaammataa jajjaboo ta'an murtaa'uu hin qabaniidha.
Erga waa'ee filannoo kaaftee, injinar Taakkalaa filannoon adabna jettee turte sana hanqattee amma waan kana keessa kan galte maaf waan jette haalte?
Agartee Gaaffiin kee kunuu loogii qaba. Ammas kanan jechaa jiru bar Filannoo haa egnudha.
Duraan Filannoon adabna jettee kaatee ammammoo deebitee waan mootummaa fakkaatu ofii keetii dhaabaa jirta
Nuyi bar aangoo nuuf kennaa gaaffii jedhu hin qabnu. Kan nuyi jechaa jirru murteewwan jajjaboo murteessuun dura uummatni bakka isin buufachuu qabadha.
Kana jechuun fakkeenyaaf MM Abiy Ahimadis uummataan hin filamne. Murtee jajjaboo murteessuu hin qaban jechuudhaa?
Eeyyee walumaagalatti sadarkaa biyyaatti kun ta'uu qaba. Imaammatni murteessoo ta'an hojiirra ooluu hin qaban. Imaammatni kamuu hojiirra ooluu hin qabu jechaa hin jiru. Kanneen kallattii biyyaa jijjiiran garuu murtaa'uu hin qaban.
Itoophiyaa keessa mootummaan uummataan filatame jiraatee hin beeku garuu murteen gurguddaan murtaa'aa ture. Amma maaltu dhalate wanti haaraan?
Maraammartoo sana keessaa bahuu qabna waliigaltee jedhurra waan geenyeefi.
Kanaan dura humnaan imaammatni garaagaraa hojiirra oolaa ture. Amma humnaan hojiirra ooluu qabu jenna taanaan yaadaafi hojimaata duraanii keessaa hin baane jechuudha. Qabxiin guddaan kanarratti.
Mootummaan yaada keessan yoo fudhatuu dide maaltu itti aana?
Gara uummataatti deebina. Gaafas waan uummanni jedhu waluumaan dhageenya.
Kana jechuun maal jechuudha?
Ani maalan beeka waan uummanni jedhu. Waltajjicha banaa goonee waan uummanni jedhu ilaalla.
Iskindir kanaan dura akka gaazexeessaafi falma mirga namoomaatti beekna ture, amma nama siyaasaa taate jechuudhaa?
kkkkk Kunis waa'eedhuma mirgaati. Aangoo siyaasaaf hin dorgomu akkanatti sitti haa himu. Gaaffiin kaasne gaaffii siyaasaati ani garuu aangoo siyaasaaf hin dorgomu. Aangoo siyaasaas hin barbaadu.
Ejjennoo bulchiinsi magaala Finfinnee
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sochiiwwan seeraan alaa magaalicha irratti ibsa baaseera.
Harkifannaa Filannoo magaalaa Finfinnee ilaalchisee bara 2010 Manni Maree Federaalaa akka dheeraffamu murtoo dabarseen hanga sanatti ammoo seera qabeessa tahuun bulchinsi amma jiru akka itti fufu gochuun isaa beekamu qaba jedha ibsi bahe.
Haaluma kanaanis manni marichaa mirga kennameefiitti fayyadamuun Kantiibaa Itti aanaa seeraan akka filate ibsa.
Haa tahu malee tibbana ''Muudamni Itti Aanaa Kantiibaa seera qabeessa miti, uummata bakka hin bu'u'' jechuun yaadotni dogogoraa ka'an bu'uura seeraa kan hin qabnee fi labsii bakka bu'oota uummataan bahe lakk. 1094/2010 kan faallessudha jedhe.
Ibsichi yerootti bulchiinsi magaalichaa halkanii guyyaa jijjirama akka biyyaatti jalqabe galmaan gahuuf karoorfatee wal deeggaruun hojjechaa jiruu fi bu'aa gaarii galmeessaa jirutti gaaffii uummataa kan hin taane kan uummtni gaafataa jiru fakkeessuun jijjiramicha gufachiisuuf gareen socho'aa jiru akka jiru eera.
Kanaafuu magaala nageenya booressuuf seeraan ala kanneen socho'an hordofuun karaa seera qabeessaan irratti qabsaa'uuf uummatni magaalichaas gahee isaa bahachuun bulchiinsa magaalaa cina dhaabbachuu qaba jechuun waamicha dhiyeessa.
Uummata tokko kan biraa waliin walitti buusuufi tokkommaa irra gargara bahuu kanneen leellisan, akkasumas bulchiinsa bu'uura seeraan hundeeffame irratti jeequmsa kanneen kakaasan akka ariitiin dhaabbachu qabanis ibsa.
Gama biraan ammoo Magaalli Finfinnee magaalaa sabaa fi sablammotni hedduun keessa jiraatan teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippilomatota adunyaa waan taateef gaaffiiwwan ka'an seera hundumaan ol kan tahe heera mootummaan deebii kan argatan tahu jedha.


















