Preezidant Saahilawarq: Hirmaannaa dubartoonni ispoortii keessatti qaban cimsuuf bajata barbaachisa jedhan

Madda suuraa, Fuula feesbuukii aajjiraa Pirezidaantii Itoophiyaa
Prezidaantiin Itoophiyaa Saahlawarqi Zawudee sirna baniinasa Waancaa kubbaa miilaa Dubartootaa Addunyaa Paarisitti harra haasaa taasisaniin hirmaannaa dubartootaa guddisuuf maallaqa dabalataa dhangalaasuu barbaachisa jedhaniiru.
Prezidaantiin Saahlawarqi walgahii Kubbaa miilaa dubartootaa FIFA magaalaa Firaans Paarisitti gaggeeffamaa jirurratti akka dubbataniitti, hirmaannaan dubartoonni kubbaa miilaa keessatti qaban gudataa dhufulleen kan warra dhiiraatiin hala walqixa ta'een maallaqni ramadamaafii hinjiru.
Ispoortii dubartootaa irratti baayyee hojjatamu akka qabaatu kan himan Pirezidaantittiin, bajanni damee ispoortii dubartootaa irratti dhangalaafamus bu'aa guutuu akka qabaatu gutummaatti kan amanan ta'u himaniiru.
''Sababiinsaas dubartoonni kana raawwachu waan danda'aniifidha. Kana gochu yoo dandeenye ammoo jijjirama galmeessu dandeenya'' jechusaanii odeeffannoon Waajjira Pirezidaantii Itoophiyaa irraa argame ni mul'isa.
Prezidaanti Itoophiyaa Saahlawarqi Zawudee sirna baniinasa Waancaa kubbaa miilaa Dubartootaa Addunyaarratti hirmaachuu gara Fraans Paaris imalusaanii ganama gabaasuun keenya ni yaadatama.
Prezidaant Saahilawarqi Paariisitti sirna baniinsaa dorgommii kubbaa miilaa Addunyaarratti keessummaa kabajaa ta'un affeeramaniiti.
Prezidaant Saahilawarq sirna baniinsa xabichaarratti hirmaannaa dubartootaa fi jijjirama aadaa fi hawaasummaa dubartoota ilaalchisuun hasawa ni taasisu jedhameera.
Kubbaan Miilaa Dubartootaa Addunyaa dorgommii idil addunyaa kan gareewwan biyyaaleessaa bebbekamoon fi miseensa FIFA ta'an irratti hirmaatan yoo ta'u har'a magaala Paarsiitti eegala.
Taphachiiftoota dorgommii kanaaf beekamtiin kennameef 27 keessaa tokko lammii Itoopiyaa Lidiyaa Tafarraa keessatti argamti.
Dorgommii kanaaf sirna baniinsaa isaa namootni miiliyoonaan lakkaawaman ni hordofu jedhamee eegama.














