Abijaataa dabalatee haroowwan hedduun birmannaa barbaadu

Haroo Abijaataa dur kana fakkaata

Madda suuraa, EDUARDO PROLS

Haroon Abijaataa waggootii shan keessatti baduu akka danda'u dhihootti himamee ture.

Bal'ina isaa duraanii km194 irraa gara km73tti hir'ateera. Gadi fageenyi isaa ammoo m14 irraa gara m2.5tt hir'achuun himameera.

Itti-gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Haroo Abijaataa Shaalaa Obbo Baankii Mudaamoo haroon kun baduutti kan dhiyaateef dhibbaa nam'tolchee garaagaraatiin jedhan.

Laggeen haroo kanatti dabalaman keessaa tokko laga Bulbulaa, haroo Baatuu irraa ka'udha. Lagni kuni dhiibbaa nam-tolchee jala galuun guutummaan guutuutti akka gogu isa taasiseera.

''Dhaabonni naannoo Baatuu jiran bishaan laga kanaa fayyadamu.

Dhaabni 'Soda Ash' jedhamu bishaan haroo Abijaataarraa ujummoon harkisee warshaasaaf oolcha. Waggaatti bishaan meetir kuubii miiliyoona 30 fayyadamu,'' jedhu Obbo Baankiin

Dabalataan bosonni naannoo harichaa jiru manca'uun akka hir'atu taasiseera. Dhiqamuun biyyee, haroo kana timaan akka guutamu taasiseera. Sababii biyyee ciisu kanaan bineensoti bosonaa socho'uu hin dandeenye.

Paarkicha keessa namooti 60,000 kan jiraatan yoo tahu, kunis sababii goginsaa harichaati jedhu Obbo Baankii.

Loon achitti bobbaasuu, lafa dheedichaa akka malee fayyadamuufi bosona ciruun paarkiiifi haroo kana balaaf saaxilaniiru.

Obbo Baankiin, ''Haroo kana haroo jedhanii waamun ni rakkisa,'' jechuun haala yaaddessaa Abijaataan irra jiru dubbatu.

Hir'isuu haroo kanaan lakkofsi shimbirroowwan achi irra jiraatan gad-bu'eera. Qaamni laga Bulbulaa fayyadamu gochaa kanarraa of qusatee lagichi gara Abijaataatti hin yaa'uu taanaan harichi abdii hin qabaatu jedhu.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Hawaasni naannoo sanaas bosona akka hin cirreef, loon akka hin bobbaasneefi sochiin dargaggootni naannoo isaanii misoomsuu yoo itti hin fufne Abijaataa lammata arguu dhiisu dandeenya.

Abijaataan alatti haroowwan Itoophiyaa baayyee badiinsaaf saaxilamanii jiru. Akka hara Haroomaayaa kan badanis jiru.

''Madda bishaan Afrikaa'' jedhamuun kan dinqisfamtu Itoophiyaan haroowwan ishee eeguu akka hin dandeenye qorattoonni ni himu.

Haroon kun baduufi, haroon suni baduufi oduu jedhu dhagahuun baramaa dhufeera. Haroowwan haroo jechuuf nama dhiiban.

Paarkiin biyyaalessaa haroo Abijaataa Shaalaa dahoo shimbirroowwan ardiiwwan garaagaraarraa baqatanii dhufanii ture.

Paarkii turistoonnii daawwataniifi allaattiiwwan kanneen akka Filaamingoo keessa jiraatanidha.

Haroon Abijaataa yoo bade bidoolee irratti dhiibbaa geessisuun dabalataan lakkoofasa tuuristii hir'isuun dhiibbaa ni qabaata.

Haroo Haramaayaa

Haalli haroowwan Itoophiyaa maaliif yaaddessaa tahe jechuun Daariktarri Institiyuutii Bosonaa, Lafa Dheedichaafi Biidoolee Dr. Deebisaa Lammeessaa gaafannee turre.

Akkasaan jedhanitti haroowwan kan akka Abijaataa, Calalaqaafi Baatuu sadarakaa yaadessaarra sababii isaan geessise keessaa tokko naannichatti qonni adeemsifamuudha.

Qonni ammoo keemikaalota kanneen akka Naayitiroojiniifi Foosfarasii fudhachuun dabalata biyyeen iddoo tokkotti akka kuufama taasisa.

''Qaamolee bishaan yaadatti otoo hinqabiin invastimantiiwwan adeemsifaman sababii rakkoo kanaati. Haroowwan sulula qiinxamaa keeessa jira kanaan ni miidhamu. Naannoo Abijaataa Shaalaa immoo warshaawwan sodaafi habaaboo jiru.

Diqqiin warshaawwan garaagraa irraa keemikaala qabatee bahu qaamolee bishaaniirra dhiibbaa uumaa jira.

Dr Deebisaan haroon Calalaqaa irra dur bashannanni bidiruu jira ture, amma garuu qonni waan babala'ateef gara iddichaa basha'uuf deemuun hin danada'amu.

''Karaawwan, riqichi dhiibbbaan qorannoo gahaa malee ijaaraman biqilootaafi bineeldota irratti dhiibbaa geessisa.''

Maal miidhe/hanqise

Baduun qaamolee bishaani miidhaa uumamaa, hawaasaa, aadaafi diinagdee qaqqabsiisa. Jijjiirama haala qillensaafis sababa isa tokko dha.

Jireenya dhala namaafillee yaaddoo guddaa dha.

Naannoon haroowwan borqaa'uun haroowwan sanarratt dhiibbaa uumaa jira

Madda suuraa, TALY ZION BARISHANSKY

Malli maali?

Akka Dr. Deebisaan jedhanitti qaamolee bishaan dabalatee qajeelfamni haroowwan ittiin kunuunsan qabaachuun barabaachisadha.

''Seerri dhimma kana eegsisu jiraachuu qaba.''

Imaammatani qabeenya bishaanii irratti xiyyeefatu wixineefame ragga'uutu eegamaa jira.

Nannoo tokkotti bu'uurri misoomaa yoo diriirfamu dhaabotni duuba jiran dhimmota kana qalbeeffachuu qabu.

Yeroo humni ibsaa argamu bishaan bada taanaa, karaan yoo hojjetamu mukni murama taanaan miidhaa isaatu caala.