Faalamnii fi hir'achuun haroo dambal jiraattota yaaddesse

Haroowwan Oromiyaan qabdu keessaa tokko kan ta'e Haroon Dambal baroota hedduuf jirattota naannoo fi loon isaaniif bu'uura jireenyaa, bidoolleewwan bishaan keessa jiraataniif ammoo golgaa ta'ee tureera.
Haroon Dambal magaalaa Baatuutti bareedina uumaa uffisuun cinaatti tuurizimiifillee oolaa tureera.
Yeroo ammaa garuu faalamaa waan jiruuf abdiin egereef ta'uun hafee dhalootuma ammaa harkaallee dhumaa jiraachuu jiraattonni naannoo ni dubbatu.
Komii fi yaaddoo jiraattotaa
Namoota BBCn dubbise keessaa tokko kan ta'an Adde Shittaayee Araarsoo naannoo hara Danbalitti qurxummii waaddanii gurguruun jiraatu. Haa ta'u malee waggoota muraasaa as galiin isaanii xiqqaachaa, bu'aan argatanis akka duraanii quubsaa osoo hin taanee kasaaraan kan makame akka ta'e himan.
''Oomishi keenya hirdhateera, Akka duraa baayyee hin jiru. Ammayyu dhabanii yaa'an. Galiin keenya isa, yoo inni jiraate arganna, yoo dhibe hin argannu,'' jedhan

Namoota Haroon Dambal hirkoo jireenyaa ta'eef keessaa tokko kan ta'an Obbo Malkaamuu Haji-Waayu Hara kanaa fi odolawwansaa daawwachiisuu fi qurxummii kiyyeessanii gurguruun hojiisaanii akka ture dubbatanii amma hojii qurxummii kiyyeessuu gutumaan guututti dhiiseera jedhan.
Kanaaf Sababni immoo keemikaalaan faalamu hara Danbal akka ta'e himan.
''Duraan haroon kun nagaa ture, erga misoomni abaaboo 'Sheer Itoophiyaa' kun dhufee garuu, keemikaala isaan fayyadaman hin beeknu, keemikaalichi dhiqamee gara haroo yaa'a. Keemikaalichi bishaan faalee, qurxummii bakkeetti yaa'utu argama,'' kan jedhan Obbo Malkaamuun dhimma kana irra deddeebiin iyyannus amma yoona furmaanni hin argamne jedhu.

Misooma abaaboo 'Sher Ethiopia' fi Faalama haroo Dambal
Obbo Malkaamuun amma qurxummiin haroo sana keessaa dhumuu fi kanumti jirtullee xixiqqoo fi kan fayyummaa hin qabne ta'uu dubbatan.
Naannoon hara Dambal ooyiruu ballaa lafa qonnaatti jijjiirame ta'uu kan dubbatan Obbo Malkaamuun''keemikaalli aramaatti biifamullee haroo faalaa jira''jedhan.
''Kunuunsi naannoo waan hin jirreef bishaan lafarraa badee dirreen qullaatti hafeera''jedhan Obbo Malkaamuun.
Kemikaalli dhaabbilee misooma abaabboo magaala Baatuu fi naannawasheetti argaman keessaa bahu heddumina lubbu qabeeyyii hara Danbal qofa osoo hin taanee fayyaa uummata naannoo Sanaa miidhaa akka jiru doktar Mahaammad Abdallaa hospitaala Baatuu irraa BBC'ti himaniiru.
''Dubartoonni ulfaa ulfi irraa ba'aa jira, guyyaatti saddeetii hanga sagaliitu mudata. Kun kan mudatu irra deddeebiin. Kan biraa ammoo daa'imman mataa hin qabne hedduutu asitti dhalatu. Garaa keessattis baayyeetu du'u. Harmootiin dhala dhabuunis rakkoo bal'inaan mudatuudha. Madda rakkoo kanaa wayita qorannu qoricha farra ilbiisotaa warshaa abaaboo kana keessaa ba'u ta'uu waggaa lama dura walii galleerra'' jedhan Dr.Mahaammad.
Deebii Hooggantootaa
Dhaabbatni misooma abaaboo Sher Ethiopia jedhamu fi magaala Baatuu keessatti argamu hara danbal faalaa akka jiru waggoota 3 dura baramullee faalamni keemikaalaa kun hanga ammaa akka hin dhaabbanne ragaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa magaala Baatuu agarsiisa. Obbo Ahimad Ali itti aanaa itti gaafatamaa abbaa taayitichaati.
''Keemikaalli isaan itti fayyadaman hedduun isaa hin beekamu. Ulfaataadha, miidhaa geessisee qurxummii miidhuusaa qorannoon waan mirkanaa'eef hojii dhaabee ture. Yoo xiqqaate bishaan inni itti fayyadamu kallattiidhaan akka lagatti hin yaane godhamee ture. Amma kana cabsanii bishaan isaa gara lagaatti dhangalaasaa jiru'' jedhan.
Angawootni dhaabbata omisha abaaboo Sher Ethiopia magaala Baatus ta'ee magaala Finfinnee jiran komii jiraatoota fi qaamolee mootummaa kanaaf deebi akka nuf laatan gaafannullee heyyamamoo hin taane.
Gama biraatin hogganaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa Oromiyaa Dr Hassan Yusuuf faalamuun haroo Danbal fi miidhaan heddumina lubbu qabeeyyii irratti qaqqabaa jiru dhugaa ta'uu fi eenyu hagam faale kan jedhuf garuu qorannoo adeemsisaa jirra jechuun BBC'ti himan.












