Burkinaa Faaso: Namoota ajjeefaman keessaa tokko luba

Map

Burkinaa Faasootti halleellaa hidhattoonni namoota waldaa keessatti waaqeeffachaa turan irratti bananiinii luba waldaa dabalatee namoonni jaha ajjeefamuu qondaaltoonni motummaa himan.

Halleeltoonnis lakkoofsi namootaa miidhamanii 20 hanga 30 kan jedhan yoo ta'u waldaa gubaniiru.

Kantiibaan magaalaa Ousmaane Zongoo akka jedhaniitti gamoowwan kuunis gubachuun bufanni fayyaa waan hatameef soodaan umameera.

Jeequmsi jihaadistotaan gaggeefamu kunis biyyattii keessatti bara 2016 irraa kan eegalee yoo ta'u kun ammoo torban shanii keessatti yeroo sadaffaaf gaggeeffame.

Miidhaan akkamiin dhaabate?

Halleelaan kan eegale sa'aa 09:00 (GMT and local time), irratti wayita namoonni waaqeefataa jiran ture. Akka kantiibaan magaalittii AFP'tti himaniitti ''Hidhattoonni waldaa kaatolikii keessa galan...namoonni osoo baqataa jiranuu itti dhukaasuu eegalan.

''Namaa keessa haala soodaatu mil'ata. Namoonni mana keessatti danqamanii jiru; eenyumtuu bahee kan deemu hin mulatu. Suuqiifi kuusaaleen cufamaniiru. Dhugumatti magaalaa ekkeeraa fakkaatti,'' jedhaneera.

Gaazexessitoonni naannichaa BBC'tti akka himaniitti kanneen ajjeefaman keessaa jaarsooliin waldaa kan argaamaniifi haala umameef loltoonni dhiheenyatti argaman dafanii tarkaanfii fudhachu dhiisuutti aruu himaniiru.

Haalleelicha duuba eenyutuu jiraa?

Yeroo dhihoon asi halleellaawwan Lixa Afriikaa keessatti umamuuf gareewwan Isilaamaa himataa jiru.

Gareewwan Isilaamaa kan akka al-qaa'idaa fi garee motummaa Isilaamaa akkasumas Isilaam Ansarul kan jedhamuufi naannichatti argamu naannawichatti socho'aa jiru.

Baatii darbees halleeltoonni waldaa pirotestsaantootaa irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni jaha ajjeefamanii ture.

Barsiiftoonnii fi manneen barnootaa gareewwan barnoota warra Awurooppaa balaaleeffataniin irratti xiyyeefatama.

Guyyaa Jimaataa sochii baraaruu humni Faransaayii addaa kaaba biyyattiitti taasiseennamoota danqamanii tura afurii gadhisiisaniiru.