Juliyaan Asaanjee: Hundeessaan Wikileaks Landan keessatti to'annaa jala ooler

Embaasii Ekuwaadoor Landan jiru keessaa bara 2012 irraa eegalee kolu-galtummaan kan ture hundeessaan Wikileaks har'a to'annaa jala ooleera.

Himannaa yakka saal-qunnamtiin walqabatee irratti banameen walqabatee akka Siwiidiinitti dabarfamee hin kennamneef kan Juliyaan Asaanjee koluu-galtummaa keessa ture.

Poolisiin Met akka jedhetti mana murtiitti dhiyaachuu waan dideef to'anaa jala oolfame.

Pirezedaantiin Ekuwaadoor Leeniin Moreenoo waliigaltee akka idil-addunyaatti jiru irra deddiibiyuun waan diigeef kolu-galtummaa Asanjeef kenna akka kaasu dubbatanii turan.

Haata'u malee, WikiLeaks tiwiitera irratti akka barreessetti Ekuwaadoor kolu-galtummaa siyaasaa Obbo Asaanjee addaan kutuudhaan seeraan ala hojjechuun "seera addunyaa cabseera" jedheera.

Sakireetaariin Waajira Dhimmoota Biyya keessaa Sajid Javid tiwiiter irratti akka himanitti: "Ani kanan isiniif mirkaneessuu barbaadu Juliyaan Asaanjee yeroo ammaa to'annaa jala jira. UK keessattis mana murtiitti dhiyaata.

"Ekuwaadooriin tumsa metpoliceuk tiif taasisaniifi ogummaa guddaa dabarsanii kenuun agarsiisaniif nan galateefadha. eenyumyyu seeraan ol miti."

Yeroo ammaa kana ga'eessi ganna 47 Obbo Asaanjeen to'annaa jala jiru.

Duraan Embaasicha keessa bahuu kan dide ture garuu yoon ba'e hojii odeeffannoo icciitii karaa WikiLeaks baaseef Ameerikaadhaan akka gaafatamuuf dabarfameen kennama sodaa jedhudha.