Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiliif Richaard: Weellisaan mana murtii olaanaatti BBC mo'atan
Seer Kliif Richaard gabaasaa BBC'n poolisiin mana isaa sakkata'uu irratti hojjete Mirga icciitii dhunfaa (privacy) kan sarbe ta'uu isaatiin himata bane injifate.
Abbaan murtii man murtii olaanaa, Jastiis Maan, balaa nama kanarratti qaqqabeef, BBC'n beenyaa Yuuroo 210,000 akka kaffalu murteesseera.
Weellisaan kun gabaasa BBC'n bara 2014tti sakatta'iinsa poolisiin mana isaarratti shakkii daa'imman qunnamtii saalaaf gowwomsaa jira jechuun adeemsise mirga koo sarbeera jechuun ture kan himate.
Weellisaan kun shakkamee qoratame malee, hin hidhamne, himatnis irratti hin banamne. Daayireektarri kutaa oduu fi tibbanaa Fraans Anisworiz dhadachaa bahanii, Seer Kiliifin dhiifama gaafataniiru. 'Wantootni bifa adda ta'een hoojjetamuu qaban turani' jedhaniiru.
BBC'n gaazexessitootni dhimmicha gabaasan hamaa yaadanii akka hin taaneefi oliyyannoo akka fudhatu beeksiseera.
Itti dabaluunis dhimmi kun walabummaa pireesii irratti dhiibbaa hin malle qabaata, mirga waa dhaguu uummataattis bu'a jedhaniiru.
Abbaan murtii Jastiis, BBC'n mirga iciitii dhuunfaa Kliifitti haala hamaa fi miira namaa tuquun sarbeera jedhan.
Yaada walabummaa pireesiifi miidiyaadhiyeessuun falmii BBC'n yaale manni murtichaa kuffiseera.