Barattoota Vetnaam saayikilii qilleensa qulleessu kalaqan

Gareen barattootaa biyya Vetinaam tokko meeshaa saayikilaaf qilleensa qulleessuun wayita gara mana barnootaa imalaniitti haguuggii farra qilleensa faalamee fuulatti uffachuu isaan olchu kalaquusaanii 'Viet Nam News' gabaase.

Hirriiyyoonni sadan mana barnootaa Sadarkaa lammaaffaa 'Thang Long Gifted' kan magaalaa 'Da Lat' irraa osoo kalaqa kana hin tolchiin dura yaalii taasisuuf baatiiwwa jaha itti fudhateera.

Meeshaan saayikilicha bakka qabannaa harkaa irratti galfamu kunis baatirii fi waan qilleensa sacca'u qaba. Meeshinni calaltuu kunis baqqaan jirnii sadii kan qabuufi 'carbon fabric' fayyadamaa dhukkee qabachuuf.

Calaltuu kunis afarsituu xiqqoon fulduraan walitti kan hidhamte yoo ta'u, kunis qaama dinaamo bisikiliitiin wal qabata.

Isaanis fuldura biiskilitiitti qilleensa qulqulluu gadhiisuun kana raawwachu isaatiif baatiriitti fayyadama.

Bu'aan qorannoo akka muliseetti, meeshichis dhukkee %86 fi naayitirojiin oksaayid %63 calaluu danda'a, akka abbaan taayitaa naannoo biyyattiitti.

'Pham Gia Sam' mana brnootichaatti barsiisaa fiziksiiti. Innis bu'aan bakkeewwan magaalattii garaa garaatti irra gahamee amansiisadha jedhu.

Gareen barattootaa dorgommii badhaasa teknikaa fi saayinsii biyyaalessaa bara barnootaa kanaa kunneen, dandeettii bisikiletichaa caalaa foyyyessuun dhiibbaa isaa cimsuuf hojjachu akka itti fufan dubbatu.

''Bara dhihoo dhufanittis, calaltuwwan akkasii bisikiliitiiwwan elektirikaan hojjataniif omishuu yaalla. Kunis nageenya namootaafi naannoo eeguuf gumaata qabaata,'' jedha barataa 'Cao Thi Khanh Hoa'.

Baasii omisha meeshichaa hir'isuuf ammoo barattoonni kunneen meeshaalee kana dura hajjatanitti gargaaraman.

Bisikiliitii faalama irraa bilasa ta'a

Kunis yaada haaraa miti. Artisitiin Dach Daan Roosegaardeen waggoottan darban muraasaaf bisikilitii faalama irraa bilasa ta'ee irratti hojjataa jira. Kunis qaama pirojaktii naannoo guddaati.

Dizaayiniin isaas kan 'manta ray' isa bishaan nyaataaf calaluu irraa fudhatame.

Dhaabbanni dizaayina Mr Roosegaarde bisikilitii faalama irraa bilisa ta'eef karoora olaanaa qabateera.

Magaalawwan faalama qilleensaatiin miidhamaa jiraniitti baayinaan raaabsuuf abdata. Karooruma kana galmaa gahuufis hajjataa jira.

Dhaabbatichi ''guyyaa labsuu sirrii beeksisuuf'' sagantaa hirmaachu bisikileetii Chaayinaa guddaa 'ofo' waliin akka taasisan BBC'tti himeera.