Pireezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon Itoophiyaa galaniiru

Madda suuraa, Waajjira MM Itoophiyaa
Daawwannaa hojiif Itoophiyaa kan jiran Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon kara kaaba biyyattiitti imaluun iddoo seena qabeessa Laalibalaa daawwachuu eegalaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad buufata xiyyaaraa Laallibalaatti argamuun simataniiru.
Pirezidaanti Maakroon wayita Itoophiyaa daawwatan kun isa jalqabaati.
Simannaan Pirezidaanti Maakrooniif Laallibalaatti taasifame kun seenaa bakki kun hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii waggoota 800 dura qabaachaa turte kan yaadachiisuudha.
Kaayyoo gooroon daawwannaa kanaa michummaa biyyoota lameenii cimsuuf akka ta'es ibsameera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ALI Onkoloolessa 8, bara 2011 Faransaay daawwatanii turan.
Wayita sanas hooggantoonni lameenuu nageenyaa fi dhimmoota biroorratti waliin hojjechuuf fedhii akka qaban ibsanii turan.

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Abiy Ahmad daawwannaa sanarratti godambaa Laallibalaa suphuuf deggersa mootummaa Faransaay gaafatanii turan.
Pirezidaanti Maakroonis daawwannaasaanii kanaan Finfinnee qofa ga'anii kan deebi'an osoo hin taane, hanga Laallibalaatti deemuunis daawwataniiru.
Akkaataa ibsa Onkoloolessa darbe keessa ba'eetti yoo ta'e guyyaa har'aa gama nageenyaa, diinagdee fi aadaa fi tuurizimiitiin waliin hojjechuuf walii galteewwan ni mallatteeffamu jedhameetu eegama.
Ragaan Imbaasii Faransaay kan Finfinnee jiru baase akka mul'isutti Pirezidaanti Sahleworqi Zawudee Pirezidaanti Maakroon waliin wal arguuf jiru.













