Mootummaa Naannoo Oromiyaa: ''Odeffannoo sobaaf ESAT seeraan gaafanna''

Madda suuraa, Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Mootummaan naannoo Oromiyaa miidiyaan ESAT hariiroo ummattootaa booressuuf odeeffannoo dogoggoraa dabarseef seeraan akka gaafatu beeksise.
Hogganaan Biiroo Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo bilbilaan BBCtti akka himanitti, miidiyaan ESAT odeeffannoo sobaa 'dhalattoonni Amaaraa Naannoo Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa keessa jiran akka naannicha gadhiisanii bahan ta'ee rakkoo hamaa keessa jiru,' jechuun dabarsuu himan.
Haa ta'uutii mootummaan bakka jedhame kanarraa rakkoon ummata buqqisuu tokkoyyuu akka hin jirre qulqulleeffateera jedhan.
Gabaasni ESAT hojjete kana ture:
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Kanaafis miidiyaan ESAT itti yaadee hariiroo obbolummaa saboonni lamaan qaban booressuuf, odeeffannoo sobaa dabarseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmicha seeraan akka gaafatu himan.
Naannoo jedhame kanattis ta'ee kutaalee Oromiyaa hundatti rakkoon saba biraa baasuus ta'ee dhimmi kanaan walqabatu tokkoyyuu akka hin jirres eeran Obbo Admaasuun.
Dhimma kanarratti Hoji gaggeessaan ESAT Taammaany Bayyanaa, oduun isaan hojjetan sirrii akka ture himannaa MNO dhaabbaticha irratti kaase booda BBC'f himeera.
''Odeeffannoo ummatarraa arganne, qoranneefi qulqulleffanneeti kan dhiheessine,'' kan jedhan yoo ta'u qondaaltota dubbisuuf yaalani akka hin milkoofne himu.
Haa ta'u malee, oduu gabaafame keessa kuni hin himamne.
Ji'a muraasa dura qorannoo BBC'n taasiseen ta'eewwan shan oduuwwan sobaatin rakkoo guddaa fidan keessa gabaasni TV ESAT dhimma baqattoota Oromoo Jibuutii jiran irratti tamsaase tokko akka ta'e ni yaadatama.
Gabaasicha hordofees saboota lamaan gidduutti rakkoon uumamee ture.














