Guutoo Giddaatti poolisoonni Oromiyaa lama ajjeefaman

Kaartaa naannoolee Beenshanguul Gumuuzii fi Oromiyaa

Madda suuraa, BBC

Godina Wallagga Bahaa aanaa Guutuu Giddaatti dhukaasa banameen poolisootni Oromiyaa lama ajjeefamuun namni biraa tokko madaa'e.

Manneetiin qonnaan bulaa naanicha gubachaa jiraachuus jiraattotni naannichaa BBC'n dubbise himaniiru.

Kaleessa ganama naannoo sa'a sadiitti godina wallaga bahaa aannaa guutoo giddaatti dhukaasa poolisota Oromiyaa fi jiraattota naannichaa irratti banameen lubbuun poolisoota Oromiyaa lamaa darbuu aangawaan godinichaa himaniiru.

''Humna hidhatee jiru bifti isaa gurracha ta'e aanaa guutoo giddaa ganda Keenaaf jedhamuufi naannoo Ukkeetti dhukaasni ka'ee, humni nageenya hawaasa naannoo tiksaa ture keessa namni lama aarsaa kaffaleera, qotee bulaa keessa namni tokko madaaweera'' jedhan I/G Qajeelcha Poolisii Godinichaa Komaander Garramuu Asaffaa

Dabalataan qaamni dhukaasa bane kun lakkofsaan baay'ee fi riphee osoo poolisoonni hin beekiin dhukaasa banuu Komaander Garramuun himaniiru.

''Enyu akka ta'an wanti beekamu hin jiru. Bifti isaanii gurrach ta'uusaafii akkan jiraattota naannichaarraa hubadhetti saba Beenishaangul Gumzi Fakkaatu'' jedhan.

''Humna kiraa sassaabaa walitti funaanamee, leenji'ee uummata keenyarratti waraana banaa jiruudha'' jechuunis himan.

Manni namoota yeroodhaaf lakkofsi isaa hin beekamnee fi qabeenyi qonnaan bultoota gubachuu Komaander Garramuun BBCtti himaniiru.

Kanarraa kan ka'es namootni baay'een qe'ee isaanii irraa buqqa'uun gara magaalaa Hangar Guutee fi Magaalaa naqamteetti baqachaa Jiraachuu Himaniiru.

Aanaa Guutoo Giddaa bakka dhukaasni baname kanaa namni qonna qabuu fi maqaansa akka dhahamu hin feene BBCtti akka himetti erga dhukaasa bananii mana gubaa turanii jedha.

Manneen jireenyaa 84 gubachuus himeera jiraataan kun.

Jiraataan magaalaa naqamtee biraan haalicha itti dhiyeenyaan beeku kan Kanaan dura buqqa'an osoo furmaata hin argatiin kan ammaa dabalamuun nama gaddisiisa jedhe.

Dabalataan namootni baqatanii gara magaalaa naqamtee gala jiraachuu himuun maalif mootummaan eegumsa guutuu gochuu dadhabe jechuun magaalichatti har'a hiriirri gaggefamaa turuulle dubbata.

''Namni garmalee du'aa jira, mana hin gubu, qabeenya ni saamu poolisiin Oromiyaas humnasaaniin ol kan ta'e fakkaataa'' jechuunis haalichi isa yaaddesuu hima.

Magaalaa naqamteetti lammiileen keenya maaliif ajjeefamu, qabeenyi isaanii maaliif saamama jechuun hiriirri bahameera. Daandiiwwanis cufamanii turuufi yeroo gara bulchiinsaa Godinaa humnaan galuuf jedhan boombii imimessituun akka bittinaa'an gochuu komander Garramuun himaniiru.