Ambaachaw Mokonnin (PhD) bakka Gadduu Andaargachew preezidaantii Naannoo Amaaraa ta’uun muudaman

Pirezudaantii Naannoo Amaaraa haaraa Dr Ambachew Mokonnin

Madda suuraa, FBC

Pirezidaantii Naannoo Amaaraa kan turan Obbo Gadduu Andaargachew taayitaa gadhiisuu hordofee, Ambaachaw Mokonnin (PhD) preezidaantii Naannichaa tahuun muudaman.

Mana maree naannichaa gaggeeffamaa jiru irratti Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Gadduu Andaargaachew taayitaa isaanii gadhiisuuf xalayaa galfatanii ture.

Paartiin Dimokiratawaa Naannoo Amaaraa [ADP] gaaffii pirezidaantichi dhiyeessan fudhateera.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasaa jiranitti sababa taayitaa gadhiisuuf gaafatanis paartichi mana maree naannichaaf dhiyeessaa jira.

Itti aansuunis manni marichaa xalayaa isaanii fudhachuun Itti gaafatamaan Waajjira Koree Giddugaleessaa ADP Dooktar Ambaachaw Makoonnan, isaanii bu'uun akka hojjetaniif muudeera.

Dr Ambaachew'n muudamuu isaanii hordofee dubbii taasisaniin Naannoon Amaaraa naannoo qabeenya guddaa qabuu fi amma immoo qormaata baay'een guutamedha jedhan.

Haa tahu malee uummata Amaaraa tajaajiluun anaaf kabajadha jedhanii uummatni Amaaraas akkuma naannolee obbolaa kaanii sirnoota darbaniin kan miidhame malee qofaatti kan fayyadame hin qabu jedhan.

Haala siyaasaa ho'aa amma jiru kana keessattis yeroon gara taayitaa kanaatti dhufu jaala qabsoo koo kan taheefi muuxannoo guddaa kan qabu Obbo Gadduun cinakotti akka hin dhibamne abdiin qaba jedhan.

Dr Ambaachew'n caasaa mootummaa cimaa ijaaruu fi mirkaneessuu fi nageenya naannichaa tasgabbeessuu irratti xiyyeeffannee hojjenna jedhan.

Dabalataan uummatni keenya seera akka kabajuufi kabachiisu, uummata keenya qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisnee qubachiisuufi carraa hojii irratti xiyyeeffannee hojjenna jedhan.

Magaalotni keenyas bakka jireenyaa mijataa fi daawwattota hawwatan akka tahan gochuuf bu'uuraalee misoomaa diriirsuu irratti xiyyeeffachuun hojjenna jedhan.

Sabaa fi sablammoota naannicha keessa jiran kan akka Agawu, Qimaanti, Oromoo, Awwii fi kaan gidduuttis jaalalaafi tokkummaan akka jiraatuuf ni hojjenna jedhan.

Obbo Gadduu Andaargachew jijjirama siyaasaa biyya keessatti dhufe keessatti garee Lammaa [Team Lemma] jedhamee waamama ture waliin shoora olaanaa nama bahataa turan akka tahe ni himama.

Pirezidaant Gadduun erga bara 2006 as pirezidaantii Naannoo Amaaraa tahuun tajaajilaa turaniiru.