Paartiin Dimokraasummaa Amaaraa miseensota koree giddugaleessaa haaraa filate

Madda suuraa, Amhara Mass Media Agancy
Paartiin Dimokraasummaa Amaaraa (PDA) Obbo Damaqa Makonnin dura taa'aa taasisuun miseensoota koree Jidduu galaa haarawaa 65 filate.
Paartiin Dimokraasummaa Amaaraa walgahii dhaabbatummaaa 12ffaa isaa magaalaa Baahidaariitti gaggeessaa tureen kanneen mana sirreessaatiii dhiheenya bahan Obbo Malaaku Fantaa fi Jeneraal Asaamnaw dabalatee miseensoota haaraa gara koree isaatti eeda'eera.
Paartichi namoota dhiheenya kana mana hidhaatii bahan dabalatee namoota kana dura miseensa koree jiddu galaa hinturiin hedduu filateera.
Paartichi walgahii guyyoota darbaniif gaggeessaa ture har'a ganama kana akka ibseetti, kaadhimamtoota fedhii isaaniitin gadhiisuuf gaafatan keessaas itti aanaan ministira mummee Obbo Damaqa Makonniin fi pirezidaantiin naannichaa Obboo gadduu Indaargaachu keessatti argamu.
Akkasumas kantiibaa itti aantuun magaalaa Finfinnee Aaddee daagmaawiit, Ittigaafatamaa komunikeshiinii naannichaa Obbo Nugusuu Xilaahun, Buulchaan baankii biyyaaleessaa Obbo Yinnaagar Dassee fi kanneen biroolleen keessatti argamu.

Madda suuraa, ANDM CC OFFICE
Yaa'ichaan miseensa koree jidduu galaa akka ta'aniif kaadhimamtoota 75 dhiyaatanii turan keessaa namoonni 10 hafanii kanneen 65 ta'an filatamuun isaanii barameera.
Miseensoota dhaabbatichaa kan duraanii keessaayis Obbo Makonnin Wasanyellah, Aaddee Firehiwot Ayyaaleew, Aaddee Bisiraat Gaashaawu Xannaa, Geetaachoo Ambaayee, Ambaasaadar Kaasaa Taklabirhaan fi Aaddee Zannabu Taaddasa dhaabbicha keessaa gaggeeffamaniiru.








