Pirezidaantiin Aljeeriyaa marsaa xumuraaf dorgomuuf murteessanis mormii cimaan isaan mudateera

Pirezedantiin Aljeeriyaa Abdullaziiz Bootefikaa erga bara 2017 uummatatti bal'inaan mul'achaa hin jira

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantiin Aljeeriyaa Abdullaziiz Bootefikaa erga bara 2017 uummatatti bal'inaan mul'achaa hin jira

Pirezidantiin Aljeeriyaa otoo mormiin isa mudataaa jiru filannoon akka gaggeeffamu gaafata.

Abdullaziiz Booteflikaa mormitoota dhaga'uu diduun marsaa 5ffaaf akka dorgoman himan, garuu marsaa guutuu tajaajiluu hin barbaadu jedhan.

Xalayaa barreessan keessatti filannoo ji'a dhufuu Marsaa 5ffaaf yoo injinfatan, marii araaraa akka dursan himaniis, murtoo isaanii kana mormii cimaan mudateera.

Bootefikaan maanguddoon ganna 82 erga dhibee istirookii bara 2013 mudatee, hawaasatti baay'inaan mul'atanii hin beekan.

Dilbata darbe filannoof kaadhimamuusaani wayita darbuuf sa'aatiwwan muraasni qofti hafu galma'uun isaaanii, mormii kaaseera.

Halkanuma sana dargaggoonni Magaalaa guddoo Aljeersitti irra deebiin mormuu jalqaban.

Pirezedantichi Siwizelanditti wala'anamaa wayita jiranitti duula filannoo Bootifikaa bakka bu'uuni kan hoogganan xalayaa filannoo marsaa itti aanurratti dorgomuu akka barbaadana agarsiisu galchan.

Poolisoota mormii bittinsuuf Aljeersitti bobba'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoota mormii bittinsuuf Aljeersitti bobba'an

Akka Komishiiniin filannoo biyyatti jedhutti kaadhimaamaan qaamaan xalayaasaa dhiyeeffachuu qaba ture. Garuu koreen heera biyyatti qaaman achitti argamuun dirqamaa mitii jedhee murteesse.

Karoorri Obbo Bootifikaan xalayaarratti ibsame Televishiinii biyyattin uummatataaf dhiyaate.

Pirezedantichi Filannoo yoon injifadhe marii araaraan akka biyyaalessaatti waama jedhu.

''Kana booda deebi'ee hin dorgomu, mormii biyyatti dhuunfate quban qabaas' jedhan.

''Mormii dargaggoota kumaatamatti lakkaa'amani egereen biyya keenya akkam ta'aa jedhani bo'aan dhagaheera'' jedha xalayaan ENTV irratti dubbifame.

Ammatti kaadhimamtoonni 6 kan biroos galma'aaniiru isaan keessaa Jeneraalli humna ittisa duraanii Alii Geedirii jijjirama Aljeeriyaattin fida nama jedhu fa'aati.

Paartileen morkattoota lamaan 'Labour fi Islamic Movement of Society for Peace' jedhaman filannichatti hin hirmaannuu jedhan.

Mormiin akkasi biyyatti keessatti baayyinaan baratamaa miti. Pirezidaantichi aggoota 20'f biyyatti kan hoogganan yoo tahu waraana walii waliinii lubbuu namoota kuma 100 galaafateen booda ture taayita qabachuun tasgabbii fiduu kan danda'an.