Dhaabbata Fayyaa Addunyaa: Awurooppaatti dhibeen Gifiraa dachaa sadiin dabale

Madda suuraa, Science Photo Library
Bara 2017 hanga 2018 gidduu dhibee Gifiraan qabamun galmeewwan 82,596 gabaafamaniru.
Lakkofsi kun waggoota 10 keessatti isa ol'aanaadha jedha gabaasni Dhaabbata Fayyaa Adunyaa.
Talaalliin kennamaa haa jiraaut iyyuu malee, babal'ina Vaayirasii kanaa biyyota baay'ee keessaa haalaan ittisuu hin dandeenye jedha gabaasichi.
Waggaa darbe Yuukireenitti lakkoofsi namoota dhibee gifiraan qabamanii kan sadarkaa lammaffaa irra jirtu Serbiyaadhaan dachaa kudhaniin caala.
Babal'inni vaayirasii dhibee gifiraa fiduu 90% kan tahu biyyota Awurooppaa kudhan keessatti yoo tahu Faransaay, Xaaliyaanii fi Giriik dabalata.
Gifirri dhibee daddarbaa fi rakkoo fayyaa guddaa fiduu danda'u tahee faalama [ infections] sombaa fi sammuu fiduu danda'a.
Biyyoota Awurooppaa dhibeen gifiraa itti babal'atee ji'a Amajjii hanga Mudde 2018tiitti jiru:
- Yuukireen (53,218)
- Serbiyaa (5,076)
- Israa'el (2,919)
- Faransaay (2,913)
- Xaaliyaanii (2,517)
- Raashiyaa (2,256)
- Joorjiyaa (2,203)
- Giriik (2,193)
- Albaniyaa (1,466)
- Romaniyaa (1,087)
UK keessa qofa bara darbe gifirri namoota 953 irratti mul'ateera.
Amma UKtti namoota miiliyoona tokko tahan keessaa 1,209 dhibee kanaan qabamanii kan jiran yoo tahu isa kan bara darbee irra dachaa 10'niin caala.
Namootni dhibee kanaan qabaman bara 2017 kan 25,863 ture bara 2018 ammoo 82,000 gahee jira.
Talaalliin Awurooppaa keessatti haalaan kennamaa haa jiraataniyyu malee 2018 lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii dabaleera.
Ijoolleen talaallii fudhatan gara %95tti guddateera.













