Tiraamp ajjechaa Jamal Kaashoogjii keessatti gaheen ilma mootichaa maal akka tahe gaafaan?

Tiraampi dhimma ajjechaa Kaashogjii irratti yeroo ibsa kennan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampi dhimma ajjechaa Kaashogjii irratti yeroo ibsa kennan

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ajjeechaa Jamaal Kaashoogjii keessa gaheen ilma mootichaa Mohaammad bin Saalmaan jiraachuu ammas akka mirkaneessaniif gaafataman.

Dursitootni koree dhimma alaa paartilee Dimokiraatotaa fi Rippabilikaan ajjeechaa Kaashoogjii ilaalchisee irra deebiin qorannoon akka godhamu xalayaa barreessan.

Hawwaasni idila adunyaa ajjeechaa gaazexessichaa ilaalchisee Sa'uudii balaaleffatus Tiraamp hariiroo biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa akka hin qabne himaniiru.

Kaashoogjiin qonsilaa Sawudii Istaanbul jiru keessatti gaafa Onkoloolessa 2 ajjeefame.

Tiraampi ibsa kenneen Mohaammad bin Saalmaan, ''haalicha sirriitti beeka,'' ajjechaa Kaashoogjii suukkaneessaa kana tarii raawwachiiseera taha ykn keessaa hin qabu jedhan.

Booda CIA'n waa'ee ajjechaa kanaa 100% murtoo xumuraa hin kennine jedhan.

Koreen paartilee lameeniis Traamp qorannoon dabalataa akka gaggeefamu ajajuun ilmi mootichaa nama baqatee biyya biraa jiraatu irratti ajjeechaa suukaneessaa fi darara dhaqqabsiisuu isaa mirkaneessuu qaba, kun sarbamuu mirga namoomaa cimaadha jedhan.

Akka seera 'magnitskytti' mirga namoomaa irratti qaama itti gaafatamummaa qabu adda baasuun beeksisuuf hanga guyyota 120 gaafata.

Sawudiin ajjeechicha keessaa ilmi mootichaa qooda hin qabu jettus miidiyaaleen Ameerikaa fi CIA'n garuu ilmi mootichaa ajjechaan kun akka raawwatuuf ajajeera jedhan.

Sagalee yeroo Kaashoogjiin ajjeefamu agarsiisu Tarkiin waraabde Tiraampi hin dhaggeeffadhu jechuun didan.

Ajjeechaan gaazexessaa Waashingitan post dhaaf barreessaa turee kun hariiroo Sawudii fi Ameerikaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a jedhu beektotni siyaasaa.

Haa tahu malee kaanis pooliin Tiraampi haajaa alaa ilaachisee hordofu keessumaa Sawudii fi Israa'el ilaachisee ifatti namaaf hin galu jedhu.