Mohaammada bin Saalmaan: Sawudiin yakkamtoota Kaashoojii ajjeesan ni adabdi jedhan

Madda suuraa, AFP
Ilmi mootichaa Sawudii 'yakkamtoota' barreessaa Jamaal Kaashoojii Turkitti ajjesan ni adabna jedhan.
Fooramii biizinesii Riyaaditti gaggeefamaa jiru irratti ibsa kennaniin Mohaammad bin Saalmaan ''yakkichi Sawudii hundaaf waan gaddisiisaadha,'' jedhan.
Ilmi mootii kun ajjeechaa gaazexessaa kanaa keessaa gahee qaba yaada jedhu Sawudiin haalteetti.
Kaashoojiin Onkoloolessa 2 ture qonsila Sawudii Istaanbul jiru keessatti kan ajjeefame.
Sawudiin ajjeechaa kun namoota ajajaan ala deemaniin raawwatame jechuun balaaleffateetti.
Pirezedaantiin Turkii Erdoohaan ammoo ''ajjeechaa siyaasaaf'' qaama nageenyaa Sawudiin itti yaadamuun raawwatedha jedhan.
Ilmi Mootii maal jedhan?
Kaashoojiin erga ajjeefame ibsa jalqabaaf uummataaf kennan yoo tahu ''yakka suukaneessaa'' tahe jechuun ibsuun qooda fudhatootni hundi murtoo haqaaf dhiyaatu jedhan.
Turkii waliinis wal deegarsa gaariitu jira jechuun namootni baay'een yakka kana fuudhuun Sawudii fi Turkii gidduutti wal dhabdeen akka uumamuuf yaalaa turan jedhan.
Dabalataan ''Gargar bahuun hin jiru,'' kana raawwachuu hin dandeessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Madda suuraa, EPA
Mohaammad bin Saalmaan erga maatii Kaashoojii waliin wal argee booda fooramii biizinesii hordofuuf abbaa isaa mootii Sawudii Saalmaanitti dabalame.
Reeffi gaazexessaa kanaa ammallee essa akka jiru hin beekamne.
Odeeffannoon tokko tokko garuu achuma mooraa qonsila Sawudii keessatti awwalameera kan jedhu yoo tahu, qondaalli maqaansaa akka dhahamu hin feene biraan ammoo erga hudhanii ajjeesanii namoota reeffa isaa akka dhabamsiisaniif naannichaa qophaa'anitti kennameera jedha.
Hanga ammaatti lammiileen Sawudii gochicha keessaa harka qabu jedhaman 18 to'annoo jala kan jiran yoo tahu ameerikaan qoqqobbii akka isaan irra keessu beeksifteetti.













