Jamaal Kaashogi: Poolisiin Turk reeffa isaa 'daggala keessa barbaadaa jira'

Madda suuraa, AFP
Poolisiin Turkiitti barbaacha gaazexessaa Saa'udi ajjeefameera jedhame, Jamaal Kaashogi, bosona keessaas qorachuu eegaluu isaanii gabaasaaleen himan.
Qondaaltonni Turk maqaan hin dhahamne reeffi isaa tarii bosona dhiheenya jiru ykn lafa qonnaa keessa awwaalamu hin dhabu jedhaniiru.
Saamudni konsilaa fi mana jireneyaa konsilichaa keessati argaman yoo qaccee sanyii gaazexessichaa ta'e qoratamaa jira.
Gaafa Kamisaa, qondaalli olaanaa Turk miidiyaa ABC'f akka himanitti Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Istet Maayik Pompewoo ragaa sagalee Turk qaba jette dhaggeeffataniiru jedhan.
Haa ta'u malee, boodarra isaan hin dhageenye jedhaniiru.
Turk ajjeechaa gaazexessaa Saa'udi Jamaal Kaashogi irratti ragaa sagalee fi viidiyoo qaba jettus, wanti hanga yoonaa ummatatti ifa ta'e hinjiru.
Qondaaltonni Turk Kaashogin basaastota Saa'udin konsilaa Saa'udi Arabiyaa magaalaa Istaanbul argamu keessatti akka ajjeefame amanu, Saa'udin garuu kana ni balaaleffatti.










