Achi buutee Jamaal Kaashogi: Yunaayitid Isteet Turkiin ragaa 'ajjeechaa Kaashogi' gaafatte

Yunaayitid Isteet isa Tarkiin yeroo gaazexessaan Jamaal Kaashogi ajjeefame waraabame qaba jette naaf kenni jettee gaafatte.
''Egaa gaafanneerra, yoo jiraatef,'' jechuun Pirezidant Donald Tiraamp ripportarootaaf dubbataniiru.
Gaazexessaa Kaashogin erga Onkolleessa 02, 2018 gamoo konsilaa Saa'udii magaalaa guddii Tarkii Istaanbul seene as hin mul'anne. Saa'udiin immoo hin ajjeefne jetti.
Gaazexaan Waashingitan Post barreeffama gaazexessaa kanaa xumuraa kan ta'e maxxanseera.
Barreeffama sanaan faayidaa olaanaa miidiyaan bilisaa Giddugala Bahaa keessatti qabu ibsa.
Ejjennoo Tiraamp
Saa'udi Arabiyaan michuu Yunaayitid Isteeti. Gaazexessaan lammii Saa'udii jireenya isaa Yunaayitid Isteet godhate kuni dhabamuun isaa immoo walitti dhufeenya isaaniitti rakkoo fideera.
Obbo Tiraamp akka jedhanitti Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet Maayik Pompewoo gara Sa'udii Arabiyaa fi Tarkiitti imalerraa gabaasa akka eegaa jiru.
Dhugaan ''dhuma torban kanaa ni baha'' jedhaniiru Obbo Tiraamp.
Saa'udi Arabiyaa harka irraa qabaa jirtu jedhamani gaafatamani jennaan: ''Tasa, waan taha jiru qofa baruuf barbaadaa jira'' jedhan.
Duratti namoota hin taanen ajjeefameera taha jechuun qondaaltota Saa'udii qeequuf jarjaruu hin qabnu jedhanii turan.

Madda suuraa, EPA
Wanti ragaa jedhame maali?
Ragaan sagalee waraabame gaazexessaa bulchitoota Saa'udii Arabiyaa qeequn beekamu ajjeefamuu isaa ibsu qorattoota Tarkiin ifa ta'eera.
Gabaasaaleen miidiyaa Tarkii akka ibsanitti gaazexessaan kuni haala suukaneessaan ajjeefame.
Gaazexaan Tark konsilaan Saa'udii Turki jiru kan ta'an Mohaamaad al-Otaayibi, yeroo gaazexessaan kuni ajjeefame sagaleen isaanii ni dhagahama ture jedhan.
Nami mootummaatti hidhata qabu, Yeni Safak, hojjetoota tikaa Saa'udii dhimma kana raawwachuuf Istaambulitti ergaman jedhamaniin, '' alatti hojjedhaa. Rakkoo keessa na seensisuf jettu,'' jedheeraa jedha.
Boodarra gaafa Kibxataa konsilichi gara Riyaaditti imaleera.















