Dassaaleny Caannee: 'MM Abiy Ahimad malaan Amaara aangoo keessaa hambise'

Dura taa'aa paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Dr. Dassaaleny Caannee.

Madda suuraa, Dessalegn Chanie Dagnew/Facebook

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad erga aangootti dhufanii yeroo lammataaf kaabinee isaanii bifa haaraan ijaaraniiru.

Caaseffama Kibxata darbe Paarlaamaaf dhiyeessanii raggaasisaniin lakkoofsa Ministeerota 28 irraa gara 20 yoo hir'isan kanneen keessaa 10 dubartoonni akka hogganan muudama kennanii jiru.

Dubartoonni gara aangootti dhufuun biyya keessaafi guutuu addunyarraa dinqisiifannaa guddaa MM Abiy Ahimadiif argamsiisullee, kanneen muudama kaleessa qeeqanis hin dhabamne.

Lakkoofsi dubartootaa kan kanaan dura turerra kan fooyya'e ta'ullee sabummaa fi akki aangoon dhaabbilee siyaasaa gidduutti itti qoodame rakkoo akka qabu natti mul'ata jedhu dura taa'aan paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Dr. Dassaaleny Caannee.

Akka Dr Dassaaleny jedhanitti muudamni MM Abiy kennan rakkoo lama qaba.

Bakka buutonni saba Amaara ta'e jedhamee aangoo Federaalaa murteessoo jedhaman keessaa akka bahan loogiin irratti raawwatameera jedhu.

"Aangoowwan murteessoo jedhaman akka Diinagdee, Raayyaa ittisaa, Haajaa Alaa fakkaatan keessaa Amaaraa tokko dhabuun, MM Abiy aangoo ofii isaanii qixeeffachaa jiraachuu mul'isa" jedhu.

Gama biraan ammoo kanneen muudamni kennameefis warra qixa sirrii ta'een mormanii dantaa saba Amaaraa warra tiksuu danda'an miti jedhu.

"Namoonni Paartii diimokiraatawaa Amaaraa irraa muudaman hedduun isaanii miseensa koree hoji raawwachiiftuu dhaabichaa illee kan hin taane, beekamtii fi muuxannoo siyaasaa kan hin qabnedha" jedhu.

Akka fakkeenyaattis yaa'ii waliigalaa Paartii Diimokiraatawaa Amaaraa irratti sagalee guddaa argatan kan jedhan Dr Ambaachaw Mekonnin muudamuu dhabuu kaasu.

Akka Dr Dassaaleny jedhanitti MM Abiy Ahimad aangoo murteessoo biyyattii hunda namoota dhaaba isaaniirraa dhufaniif ykn ammo kanneen isanitti dhiyaataniif kennani.

Kuni ammo "akka mootummoonni abbaa irree godhan, aangoo hunda harkatti galfachuuf waan godhamedha" jedhu.

Muudamni kun MM Abiy Ahimad saba Amaaraa waliin walitti isaan buusuufi fudhatama saba Amaaraa biratti qaban isaan dhabsiisuu danda'a jedhu.

'Ol-aantummaa Oromoo'

"Mootummaa Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay 'TPLF'n durfamu wanti mormaa turreef sabni tokko qofti aangoo murteessoo jedhaman waan dhuunfateefi sun Oromoodhaan wayita irra deebi'amu wanta hin mormineef hin qabnu" jedhan.

MM Abiy Ahimadis akkuma kanaan duraa olaantummaa saba tokkoo ijaaraa jiru waan ta'eef sun hatattamaan sirrachuu qaba jedhaniiru.

Dhaabni Sochii Biyyaalessaa Amaaraa dhaaba dhihoo hundaa'edha.