Ajjeechaa Jamaal Kashogjii: Waajirri tikaa Kanaadaa sagalee yeroo ajjeechaa waraabame 'dhaggeeffateera'

Ministirri Muummee Kanaadaa waajirri tikaa biyyaa sagalee waa'ee ajjeechaa gaazexeessaa Sawudii dhaggeefachuu isaa beeksiseera.
Ministirri Muummee Kanaadaa kun sagalee waa'ee ajjeechaa gaaazexeessaa Sawudii Jamaal Kashogjii kaaseta waraabame dha'uu isaa ifa gochuun biyyoota lixaa keessaa kan jalqabaati jedhameera.
Pirezedaantiin Turk Risiippee Xaahir Erdohaan ibsa gaazexeessotaaf Sanbata darbe kennaniin sagalee waraabame kun Ingiliziif, Ameerikaaf, Jarmaniif, Firaansiif akkasumas Sawud Arabiyaaf akka kenname ibsaniiru.
Ibsa geezexeessitootaaf Firaansitti kennaniin Ministirri Muummee Kanaadaa Tiruudoo, waajirri Tikaa biyya isaanii ajjeechaa gaazexeessaa kanaa ilaalchisee Turk waliin akka hojjetaa jiran dubbataniiru.
"Torban tokko dura Erdohaan waliin bilbilaan dubbannee turre, ammas waliin dubbanneerra, dhugaa dubbachuudhaaf waa'ee ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kashogjii ilaalchisee murannoo Turk qabdu baayyeen dinqisiifadha," jedhan.
Sagalee waraabame sana ofii isaanii dhaggeeffachuu baatanillee, waajjirri tikaafi basaasaa biyyattii ajjeechaa taasifame ilaalchisee dubbi himaan waajjirichaa BBC'tti himaniiru.
Ministira muummichaa dabalatee aanga'oonni biyyattii ibsa akka taasisanis himameera.
Ragaan kun hariiroo isaan Sawud Arabiyaa waliin qaban gufachiisuu danda'a kan jedhu irratti deebii kennuu kan fedha hin qabne ta'anillee, Sawud Arabiyaa waliin hariiroo biyyoota lameenii irratti marii gaggeeffachaa akka jiran dubbataniiru.
Gama biraatiin Ministirri Dhimma Alaa Firaans Joohn Yiives Lii Diriyaan sagalee waraabamee isaaniif kenname ilaalchisee yeroo dubbatanitti "tapha siyaasaa kan gaggeesse Turkiidha" jechuun isaanii Turk mufachiiseera.
"Wanti ba'u qabu hin baane, dhugaa jiru ni barbaanna, isaan booda ammoo tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna," jedhan ministirichi ibsa TV biyyattiidhaaf kennaniin.
Kana waliin walqabatee, "Pirezidaantiin Turk sobaniiru jechuudha?" gaaffii jedhuuf, waanti mootummaan taphachaa jiru tapha siyaasaati jechuudhaan kallattiin ibsuu dhiisaniiru.
Ameerikaan ammoo waraabbiin sagalee ajjeechaa Jamaal Kashogjii ishee ga'uufi dhiisuu waanti beekame hin jiru.













