Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa waggaa 41 booda Moqaadiishootti

Keekii alaabaa Itoophiyaa fi Somaaliyaan faayame
Ibsa waa'ee suuraa, Keekii alaabaa Itoophiyaa fi Somaaliyaan faayame

Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa waggoota 41f adda citee kan ture balaliinsa gara magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadiishootti taasisu har'a eegalee jira.

Xiyyaarrii Booyiing 737 paayilatii dubartiin balali'e kun, imaltoota 50 fe'atee Finfinnee irraa ka'ee Moqadiishuu buufataa xiyyaa Aden Aaddee qubachuuf sa'aatii lamaa gadi itti fudhate.

Iimbasii Somaaliyaa Finfinnee jirutti qondaalaa olaanaa dippiloomasii kan ta'an Obbo Abdullaahi Mohaammad Waarfaa, balaliinsa jalqabaa kanaan Finfinneerraa gara Moqaadishoo balali'anii jiru.

Balala'iinsi kun eegaluun uummata biyyoota lamaaniifu barbaachisummaa guddaa akka qabus Obbo Abdullaahi BBC'tti himaniiru.

"Balala'iinsi kun hojii daldalaa biyyoota lamaaniif gaariidha. Yeroo dhiyootti balala'iinsi xiyyaaraa meeshaa fe'u ykn kaargoo ni eegala. Kuni daldaltoota Somaaliyaaf milkaa'ina guddaadha" jedhan.

Balala'iinsi kun eegalamuu sababeeffachuunis buufata xiyyaaraa Booleetti osoo hin ka'iin, balala'iinsa gidduuttifi Moqadishoo erga qubate booda sirni kabjaa tureera.

Osoo qilleensarra jiranii sirna Keekii muruu raawwatame

Madda suuraa, OMAR FARUK OSMAN

Ibsa waa'ee suuraa, Osoo qilleensarra jiranii sirna Keekii muruu raawwatame
Tuuti gaazexeessitoota imala kanarra turan sirnichi wayita hordofan

Madda suuraa, Omar Faruk Osman

Ibsa waa'ee suuraa, Tuuti gaazexeessitoota imala kanarra turan sirnichi wayita hordofan
Iimbasii Somaaliyaa Finfinnee jirutti qondaalaa olaanaa dipiloomasii kan ta'an Obbo Abdullaahi Mohaammad

Madda suuraa, Omar Faruk Osman

Ibsa waa'ee suuraa, Iimbasii Somaaliyaa Finfinnee jirutti qondaalaa olaanaa dipiloomasii kan ta'an Obbo Abdullaahi Mohaammad
Xiyyaarri Itoophiyaa kun buufata xiyyaaraa Aden Aaddee erga qubatee booda
Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri Itoophiyaa kun buufata xiyyaaraa Aden Aaddee erga qubatee booda
Sirna kabajaa magaalaa Moqaadiishoo keessa ture irratti sirbaa aadaa Somaalee wayita agarsiisan

Madda suuraa, Omar Faruk Osman

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna kabajaa magaalaa Moqaadiishoo keessa ture irratti sirbaa aadaa Somaalee wayita agarsiisan