Waayit Haawus hayyama hojii gaazexeessaa CNN haqe

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennanitti gaaffii gaazexeessaa CNN irraa ka'e booda jecha walitti deddeebisuun boodarra gaazexeessichi hayyamni hojiisaa akka haqamu taasisaniiru.
Gaazexeessaa gameessi Waayit Haawus irraa CNN'f gabaasu Jiim Akoostaa gaaffilee hedduu irra deddeebiin pirezidaanti gaafatus isaan garuu deebisuun ''namni kun kashalabbee, jeeqaadha'' ittiin jedhan.
Wayita gaazexeessaan kun waa'ee godaantota giddu galeessaa Ameerikaarraa gara US seenanii ilaalchisee gaaffii gaafatu ture Pirezidaaanti Tiraampi kan arrabsan.
''Ni ga'a, ni ga'a, taa'i gadi , CNN gaazexeessaa akka keetii qabaachuusaatti gadduu qaba.'' jedhaniin.
Wayita gaazexeessaan kun gaaffii gaafatu hojjettuun Waayit Haawus sagalee guddistuu harkaa butuuf yaaddus inni garuu didee gaaffiisaatti cicheera.
Kanaanis humna fayyadamuun humna dubartii sarbeera jedhamuun Dubbi Himtuu Waayit Haawus Aadde Saaraa Saanders irraa himati irratti banameera.
Gaazexeessichi garuu kun soba jechuun haaleera.
Aadde Saanders nama humnasaa fayyadamee dubartii hojiirra jirtu tokko mirgashee sarbe kanaaf Waayit Haawus araarama hin qabu jedhu.
''CNN gocha gaazexeessaa kanaan boonuunsaa waan jibbisiisaa qofa osoo hin taane tuffii nama hundaaf qaban agarsiisa.'' jedhan Aadde Saanders.
''Sababa taatee har'aatiin Waayit Haawus yeroodhaaf iyyamni gaazexeessaa kanaa akka haqamu murteesseera''
Gaazexeessaa Akoostaan durumaanuu Waayit Haawus iddoo ibsi gaazexeessitootaaf itti kennamu seenuurraa dhorkamee akka ture ibse.

Gama kaaniin pirezidaant Doonaald Tiraamp Abbaa Alangaa waliigalaa biyyattii Jeff Sessions hojiirraa hari'aniiru.
''Abbaa Alangaa Waliigalaa Jeff Sessions hojiin inni hanga ammaa hojjeteen ni galateeffanna, yeroo gaariiis hawwinaaf'' jechuun 'twitter' isaaniirratti barreessan Tiraamp.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaanti Tiraampi namni kun waa'ee Raashiyaan harka loostee Waayit Haawus keessa galchaa jirturratti duubatti jedha jechuun irra deddeebiin qeeqaa turan.
Akka Pirezidaanti Tiraampi jedhanitti Obbo Sessions, miiltoo hojiisaanii kan turan Matthew Whitaker nama jedhamuun yeroof bakka buufamu.
Namni kun Raashiyaa qeequun beekama jedhu Pirezidaanti Tiraampi.












