Dirree Dhawaatti mallattoon dallaa mana namootaarratti dibame sodaa uume

Magaalaa Dirree Dhawwaatti haala hin beekamneen dallaa manaa namoota tokko tokkoo irratti qalamni hiiknisaa hin beekamne dibamuun yaaddoo akka uume jiraatotni himan.

Jiraataa magaalaa Dirree Dhawaa kan tahe Sooressaan, ani hangan magaala kana keessa jiraadhetti nama sanyiin wal qoodee miidhaa walirraan gahuuf socho'u argee hin beeku jedha.

Haa tahu malee oduu kutaa biyyattii garagaraatti raawwate jedhu fudhachuun namootni baay'een akkasumaan kan yaadda'an jiru jedhe.

''Lolli tokko ka'es hin jiru. Haa tahu malee propagaandaan jiru nageenya uummataaf gaarii miti.''

Keessumaa namootni dhimma biraaf maallaqaanis tahu itti fayyadamuu barbaadan naannoo Oromootni baay'inaan jiraatanitti olola kana deemsisu,'' jedha Sooressaan.

Suuraaleen kanneen akka Twiitar kana irratti mullatan akkasiitu manneen namootaa irratti dibaman/kaafaman jedhame.

Hunda caalaa garuu wanti naannoo Buraayyuufaatti maqaa Qeerroodhaan raawwate jedhamee odeeffame asittis nurra gahuu danda'a jechuun namni tokko osoo walitti hin bu'iin namootni yaaddoo akka qaban taajjabeera jedhe.

Naannoo ganda Tasfaa, laga Harree fi naannoo Yuunvarsiititti baay'ee tahus qalamni dallaa fi mana namoota tokko tokkoo irratti dibamuun manni sun balaa jala jira jechuudha jedhamuun odeeffamus hanga ammaatti manneetii kanneen irra illee balaan gaheeru hin jiru jedhe.

Dabalataan poolisin garuu baay'inaan magaalicha keessa bobba'eera jedhe.

Kaleessa naannoowwan tokko tokkotti suuqiiwwanii fi manneetiin nyaataa yeroodhaan akka cufamu taasifameera jedhe Sooressaan.

Jiraataan biraa dubbisne ammoo ani rakkoo uumame hin argine garuu dargaggotni magaalittii keessa jiraatan halkanii fi guyyaa waliin tahuun eegaa akka jiran ilaalaan jira jedhe.

Dargaggootni kunneen naannoo naannoo isaaniiti rakkoon nageenyaa akka hin uumamneef jecha ofumaan bahanii eegaa jiru jedhe.

Haa tahu malee namni maqaansaa akka dhahamu hin feene kun eegumsicha irratti osoo rakkoon hin uumamiin ammayyuu humni nageenyaa mootummaa kana caalaa bobba'uu qaba jedha.

Hanga ammaattis oduurra kan darbe rakkoon akka hin jirre himeera.

itti gaafatamaan Komunikeeshinii qajeelcha poolisii magaalaa Dirre Dhawaa Saajin Baantalem Girmaa yakki naanno Buraayyuutti raawate irra caalaa uummmata irratti yaaddoo uumera jedhan.

Magaala Dirree Dhawwaattis humni nageenyaa yakki akka hin uumamneef dursee ittisuuf bobba'ee hojjechaa jiraachuu himan.

Dargaggootni magaalittis walitti bahuun eegumsa hawwaasaaf taasisaa jiru kan jedhan Saajin Baantaalem, gandoota tokko tokkotti qalamni dibame balaa irraan geesisuuf adda bahuu agarsiisa jedhamee miidyaalee hawwaasaa irratti qoodamuunsaa haalichi akka yaaddoo uumu taasisee ture jedhan.

Uummatni waggaa 50 fi 60 ol alaabaa tokko jalatti jaalalaan waliin jiraate dhimma biraan waanti walitti isaan buusu hin jiru jedhan.

Mallattoon kaa'ames iddoo tokko tokkotti lakkofsa sadii kan fakkatu yoo tahu bakkeewwan birootti immoo waan akka geengoo fakkatu hiikasaa baruu baannus gosa irratti xiyyeefatee akka kaafametti ilaalameera jedhan.

Qaama kana raawwate beekuu baannus qorannee seeratti kan dhiyeessinu taha jedhan Saajin Baantaalem Girmaa

Dabalataan Ummanni mallattoon kun bal'inaan keessatti mul'ate, keessa jiraatan naannoo ganda 02, har'a bahuun wanti raawwataa jiru tasumaa waan bakka nu bu'uu miti qaamni kana raawwatus adda bahee seeratti nuuf haa dhiyaatu jechuun akka morman himaniiru.

Mootummaanis yakki akka magaalicha keessaatti hin uumaneef eegumsa barbaachisu akka godhu himanii rakkoon yoo jiraates toorri odeeffannoo uummataaf waan kennameef nu qunnamuu danda'u jedhan.

Qaamni nageenya booressuuf socho'u garuu dhiifama tokkomalee tarkaanfiin irratti fudhatama jedha.