Ugaandaa: Boobii Waayin biyyatti deebi'aa jira

Weellisaa beekamaa fi miseensi mana maree Yugaandaa Boobii Waayin torban lamaan booda har'a gara biyyasaatti deebi'a.
Boobii Waayin reebicha humna waraanaa Yugaandaan mana hidhaatti isa irra gaheen booda yaaliif torbanota lamaaf gara Ameerikaa deemee ture.
Buufata xiyyaaraa biyyitti irraa eegaluun hanga gidduu gala magaalaatti humni waraanaa baay'een bobba'eera.
Deeggartootnisaa akka simannaa hin taasifneef poolisiin dhorkee jira.
Gara buufata xiyyaaraa Enteebee demuunis tahe magaalatti bahuun biyyatti deebi'uusaaf gammachuusaanii akka hin ibsanne dhorkeera.

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin akka dhufeen gara mana jireenyasaatti galchina jedhus, Boobii Wayin garuu buufata xiyyaaraa Enteebeetti deegartootasaa waliin wal argee magaala keessa deemuunis firootasaa akka dubbisuu barbaadu himeera.
Ogeessonni seeraa isaa fi miseensonni paarlaamaa gariin adeemsa baga nagaan dhufteesaa akka mijeessan himaniiru.
Boobii Waayin aangoosaa cimsachuun nama pirezedaanti Yuweerii Museveenii caalaa uummanni filatu bahu tahuu barbbada. Haa tahu malee himata biyya ganeera jedhamuun irratti banamee ture namoota hafan biroo 30 waliin ji'oota itti aanan keessatti ofirraa ittisuun mo'achuu barbbada.













