Biriigeet Neelsan daa'ima shanaffaa waggaa 54tti argatte

Artistiin lammii Deenmaark, Biriigiit Neelsan mucaa shanaffaafi dubara ishee jalqabaa ganna 54'tti deesse.

Abbaa manaashee lammii Xaaliyaanii nama ganna 39 wajjin mucaa argachuusaaniitti akka gammadan Jimaata darbe Loosaanjalasitti dubbatan.

Neelsan fiilmiiwwan beekamoo Rookii IV fi Koobiraa jedhaman abbaa warrashee lammaffaa waliin hojjetteetti.

Hojiii moodeelingiifi televiziyoonaatinis milkooftuu dha. Dorgommii daansii Jarmanitti qophaa'uu irratti bara 2012 mo'attee jirti.

''Mucayyoo bareedduu waan argateef jireenya keenyatti baay'ee gammanneerra,'' jechuun cimdooliin kun baruullee uummataatti himan.

''Karaa dheeraa booda, gammachuu arganne jaalalli keenyas dabalee,'' jedhan.

Neelsan abbaa warraashee kanatti bara 2006 ture kan heerumte.

Ijoolllee umriin isaani 23fi 14 tahan kan qabdu taatuun kun ulfa tahuu ji'a darbe ture kan beeksifte.

Dubartoota akka Neelsan umrii gara boodaarraa mucaa godhatan keessa Jaaneet Jaaksaniifi Raacheel Weez ni eeramu.