Riyaal Maadiriidiifi Liivarpuul: Shaampiyoonaa ta'uuf maaltu murteessa?

Madda suuraa, Rex Features
Gareen lamaan kilaboota Awurooppaa keessaa waancaa shaampiyoonii Awurooppaa kan dhumaaf ga'an Liiverpuul warra Ingiliziifi Riyaal Maadiriid warra Ispeenidha.
Waancaa kilaboonni kun lamaan mo'achuuf falmii taasisaniin alattis maqaa gaarii taphattoonni ciccimoo akka Mohaammed Saalhaafi Kirisaanoo Ronaaldoo addunyaarratti qaban caalaa itti cimsatanis hedduu eegama.
Akkuma taaktikaa qophiin sammuu Kilooppiif barbaachisaadha
Torban dhumaa akka malee dheerata. Yeroo tapharra qabatamaan ta'an garuu haalli jijjiiramuu mala.
Yeroo dhiyaataa akkuma deemeen, muddamuun dabalaadhuma deema, tapha guddaafi eegamu waan ta'eef. Akkamitti akka qophii taaktikaa kan dirreerratti agarsiisaanii alatti qophiin sammuu haalaan barbaachisaadha.
Kiloop torban tokko dursee kanarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Taphattoonni isaa akka isaan cimanii xapha gaarii agarsiisaniif hojjechaa jira.
'Waantota jedhamaniifi miliyoonaan namoonni TV'n nu daawwatu jedhan dagachuu'
Kiloopp taphattoonni isaa sammuu isaanii keessaa Riyaal Maadiriidiifi taphattoota kilabichaa babbakkallcha ta'an hunda waliin akka taphatan dagachuun eegaluu qabu.
Gama taphattootaan kana gochuudhaaf, cimsanii ilaaluufi namoonni miliyoonaan nu daawwatu kan jedhu sammuu isaanii keessaa baasuu qabu.
Ammam kan iji addunyaa irra jiruufi tapha murteessaa ta'us taphattoonni qalbii isaanii tapharra taasifachuun barbaachisaadha.
'Gareen guddaan shaampiyoonaaf taphatan hunduu waancaa argatanii gammadu jechuu miti'

Madda suuraa, Getty Images
Riyaal Maadiriid kan muuxannoo hedduu qabuufi walitti ansuudhaanille sadaffaaf kan waancaa Awurooppaaf dorgomaa jiran caalaa, Liiverpuuliif haaraa waan ta'uuf cimsee of qopheessuutu irraa eegama.
gareen lamaanuu taphattoota dandeettii addaa yeroo gara fuula duraatti furuufaman waan ajaa'ibaa hojjetan qabu.
Akkasumas gareen kun lamaan kubbaa miilaa Awurooppaa miilaa keessatti seenaa calaqqisaa qabu. Tapha bareedaa nama hawwatus ni agrasiisu.
Garaa garummaan lamaan isaanii jiru muuxannoodha. Riyaal Maadiriid, muuxannaa dheeraa qaba. Tapha guddaa akkasii kana keessa erga seenanii attamitti akka cufanii ofiimmoo duratti deemanii haleelani itti beeku. Liiverpuul garuu kana gochuun hin danda'an.
Maadiriid yoo dursee Keev irratti lakkoofsise attamitti ijaaramanii akka Liiverpuuliin itti cufan sirriitti ni beeku.

Madda suuraa, Rex Features
Tilmaama Laawuroo: Liiverpuul 2-1 mo'ata
Riyaal Maadiriidiif waan itti tolu ta'a garuu akka ani yaadutti Liiverpuul karaa ittiin mo'atu ni qabaata.
Kun karaa isaan waancaa kanaaf dhiyaachuuf ittiin hojjetaniifi gooliiwwan hedduu ittiin lakkoofsisan.

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'uun taphattoota gara kilaba ofiitti fiduuf baayyee gargaara, Kilooppis kana milkeessuuf taphattoota biroo argachuun Piriimer Liigiin Ingliiz bara dhufuu mo'achuuf hojjechuu danda'a.
Kanaaf, Sanbatarra mo'achuun Liiverpuuliif carraa guddaadha. Anis kana ni taasisu jedheen yaada.













