Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hayyamni warqee baasuu MIDROC dhowwame
Hayyamni warqee baasuu MIDRO arrarraa kaasee dhowwamuusaa Ministeerri Albuudaa, Boba'aafi Gaazii Uumamaa Itoophiyaa beeksisuu FBC gabaaseera.
Ministeerichi mormii jiraattonni naannoo warshichaa jiran dhiibbaa inni fayyaafi naannoorratti qaqqabsiisuun walqabatee akka ittifame heeruun, hanga qaama bilisa ta'een qorannoon gadi fageenyaan gaggeeffamutti hojii omishuusaa dhaabsisuu dubbate.
Sababa eeyyamni warshaa oomisha warqii dhaabbata MIDROC haareffamu mormuun mormiin guyyaa kaleessaa magaalaa Adoolaatti taasifame lubbuu namootaa galaafate ture.
Jiraataan magaalaa Adoolaa har'a ganama bilbilaan gaafanne akka dubbatetti, ammallee namni magaalaa keessa daandirra deemaa jiru hinjiru. Nama deemuu yoo argan loltoonni ni rukutu jedhan.
Hammi namoota kaleessa ajjeefamani jaha kan jedhan jiraataan maqaan isaanii akka hin dhahamne fedhan kuni, har'alle namni tokko ajjeefamu himu.
''Konkolaataa manaa Shaakkisoo irraa gara Adoolaa deemaa osoo jiru dhukaasi ka'e mucaa shufeerii makiinaa oofu rukutame. Abbaan itti dhukaase hin barre. Haalli jiru baay'ee ulfaata.''
Akka jiraataan kuni jedhanitti, nama afur lubbuun darbe ijaan arganiiru. Namoota jaha ajjeefamaniiru jedhan keessaa afur mana yaalaa lama immoo mana yaalaa illee hin dhaqne jedhan.
Hospitaala Adoolaa irraa Obbo Dheekkamaa Aduulaa illee nami tokko har'a akka ajjeefame himu.
Akka isaan jedhanitti sababa mormii ummataan hanga ammaa namni afur ajjeefameera.
''Riifarii namni sadii deemeera. Ammaaf namni miidhame hospitaala jiru nama sadii hincaalu. Kaan babbahaniiru.''
Itti aanaa Kantiibaan Magaalaa Adoolaa obbo Caalaa Waaree dhukaasa humnoonni nageenyaa fudhataniin namoonni miidhaman jiraachuu BBC'tti himaniiru.
"Namoonni baayyeen baqataa turan. Tokko osoo baqatuu boollatti kufee lubbuun isaa darbee jira. Namni lama ammoo madaa'anii gara magaalaa Hawaasaatti yaalaaf ergamaniiru. Haalli amma jiru ammoo tasgabbaa'eera.''
Godinuma Gujii naannoo Laga dambii irraa fageenya km 90 irratti argamtu aanaa Gooroo Doolaa Magaalaa Haraqalloottis hiriirri mormii kaleessa gaggeefamee nagaan xumuramuu jiraataan Magaalitti obbo Addisuu heessaa nutti himaniiru.
Itti gaafatamtuun waajjira dhimmoota koominikeeshinii Godina Gujii Adde Rahimaa Abdullaahiis rakkooleen fayyaa hammaatoon osoo jiranii haaroomsi hayyama hojii uummata hin hirmaachifne mormii kaasise jedhan.
Godinichis pirojektiin hawaasa hin fayyadnee fi miidhaa fayyaa irraan gahu hojiirra ooluu hin qabu ejjennoo jedhu akka qabu himaniiru.
Hogganaan kominikeeshinii naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo pirojektiin ummata miidhu fudhatama hin qabu jechuun himanii, qaama dhimmi ilaallatu waliin furuuf akka hojjetan dubbatani ture.
Gama kaanin, hojjetaan dhaabbata MIDROC maqaan isaa akka dhahamu hin feene guyyaa dheengaddaa hojii dhaabuu isaanii BBC'tti himeera. Haa ta'u malee, BBC'n qondaaltota biraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.