Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Narsiin Fannoo Diimaa lammii Jarmanii hidhattoota Somaaleen ukkaamfamte
Narsiin lammii Jarman taatee fi Dhaabbata Fannoo Diimaa Adduunyaaf hojjettu tokko Somaalee magaalaa Mogaadishootti ukkaamfamtee fudhatamushee, gartuun hojjettoota gargaarsaa dubbatan.
Qe'ee Dhaabbata Fanno Diimaa Addunyaa kana keessa utuu jirtuu hidhattoota hin beekamneen Roobii galgala nanno sa'a lamaatti (ALI) ukkaamfamuunshees beekameera.
Dubartii kana barbaachaa akka jiranii fi hanga ammaatti qaamni ittigaafatama fudhatee akka hin jiraatinis poolisiin Rooyitarsiitti himeera.
Kun kan ta'e, hidhattoonni dubartii Somaalee Dhaabbata Fayya Addunyaa keessa hojjettu tokko raasaasaan ajjeesanii borumtirra ture.
Walitti bu'iinsi waggoota hedduuf biyyatti keessa ture Soomaaleen adduunyaarratti biyyoota hojjettoota gargaarsaaf hamoo ta'an keessaa tokko ishee tasiiseera.
Haa ta'u malee, waggoota dhihoo asitti, haalli nageenya biyyattii keessa jiru fooyya'uun, xiyyeeffannaan hojjettoota biyyoota alaa irratti godhamu haalaan gadi xiqqachaa dhufeera.
''Waa'een nageenya waahiloota keenyaa gudda nu yaachisa,'' jechuun Jiila Dhaabbata Fanno Diimaatti Hoogganaa itti aanaa kan ta'an Daani'eel O'Maaleey dubbataniiru.
''Isheen lubbu namoota Somaalee gama fayyaatiin saxilamoo ta'an oolchuu fi haala fayya jiru wayyeessuu irratti narsii guyyaa hunda hojjetuudha,'' jedhu.
Warri ishee ukkaamsan kara waardiyyaan hin jirre balbala duubaarraan fuudhanii bahan jedhanii amanu, jechuun Rooyitars gabaaseera.
Tessuma isaa Siwiis keessa kan godhate dhabbanni namoomaa kunis, hojjetaa isaa kana gad-lakkisiisuuf angaawoota adda addaa waliin hojjechaa jiraachu himurraan alatti bal'inaan ibsuurra of qusateera.