Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonii Arjantiinaa bishaan jala deemtu: Barbaachaa haala qilleensaatiin rakkisaa ta'e
Barbaachi doonii bishaan jala deemtu kan Arjantiinaa namoota 44 waliin baddee sababii haala qilleensaa hamaadhaan rakkisaa ta'uusaa, qondaaltoonni dubbatan.
Gareewwaan biyyoota adda addaa irraa walitti bahanis doonii Roobii darbe badde barbaachuuf Atilaantiikaa Kibbaa keessatti yaalii cimaa taasisaa jiru.
Humni galaanaa Ameerikaas doonii lammaffaa meeshaalee ittiin barbaadamu kan addaafi meeshaalee galaana-gadi fageenyaa baraaruun ittiin danda'amu waliin garee barbaaddootaa tumsuuf eergitee jirti.
Dooniin kunis qarqara Arjantiinaa irraa fageenya km 430 irratti badde.
Guyyaa Sanbataatti, mallattoowwan saataalaayitii hedduun doonittii biraa dhufanis akka dhiheenya Peeninsulaa Vaaldez turte agarsiisanii turan. Bakkicha adda baasuuf xiyyaarri qorannoo NASA fayyadamamu illeen bu'a qabeessa ta'uun hindanda'amne.
Gareen lubbu baraartootaas haala qilleensaa cimaafi dambalii olaanaan ittifamaa jiru.
"Qilleensi naannoo barbaachii itti gaaggeefamu baayyee rakkisaa ta'uu itti fufeera'' jedhan ajajaa mummeen humna galaanaa Gabreel Dilbata tare.
"Ammaan tanas, dambalii metira jaha ol ka'uufi humna bubbee cimaa karaa lixa kibbalixaatiin qabna. Kanaafuu, haalli kunis sa'aatii itti aanan 48 ni tura,'' jedheera.
Mr Goonzaaleez itti dabaluun, qorannoon doonicha irratti gaggeessaa jiran 'bakki argamaa jiru baayyee xiqqoo waan ta'eef' lafarraa qorachuun caalaa walxaxaadha jedheera.
Humni galaanaa Arjentinaa dooniin amma baddee kunis qilleensa, nyaataafi bishaan yoo xinnaate torban lamaaf gahaa ta'ee akka qabdu dubbatu.