Itoophiyaan dolaaara miiliyoona 261 IMF irraa argachuuf

Itoophiyaan deeggarsa dolaara miiliyoona 261 Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argachuuf karra saaqu garee IMF waliin waliigalte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaatti shamarreen ganna 22 naannoof quuqamtu guyyaa sadiif nyaataafi dhugaatii lagachuun muka hammatte riikardii fooyyeffatte

    Truphena Muthoni

    Madda suuraa, Truphena Muthoni

    Keeniyaatti quuqamtuu naannoo kan taate shamarreen ganna 22 Traapeenaa Mutoonii sa'aatii 72f nyaata, dhugatiifi boqonnaa lagachuun muka hammacuun riikardii amma dure qabattee turte fooyyessite.

    Muka ciruu cimsitee kan mormituufi muka dhaabu kan jajjeebeessitu dargaggeettiin kun dhaaloota haaraa yaada badhaafamtuu Noobeelii Waangaarii Mataay tarkanfachuuftu akka ta'e ibisti.

    Trapeenaa Mutoonii guyyaa fi halkan sadiif nyaata dhugaaii fi boqonnaa osoo hin fudhatiin muka tokko hammatteetti.

    ''Kana kaniin raawwadhe namootni uumamaaf jaalala akka qabaataniifi. Uumama akka hin miine, kunuunsa gochuun ammoo jaalalarraa eegala jedheen amana. Muka miliyoona dhaabuu dura muka miliyoona tokko kunuunsuu qabna'' jechuun miidiyaalee Keeniyaatti himteetti.

    Amma dura sa'aatii 48f muka hammattee turtee jaalala uumamaaf qabdu agarsiiftee ture.

  2. 'Ilmikoo ilma biyyaati, ilma badhaafamuu qabuudha' - Harmee Adonaay

    Adoaay NBirhaanee

    Madda suuraa, Facebook Adonaay

    Tiktookara beekamaa, Adoonaay Birhaanee H/Mikaa'el Poolisii Federaalaatiin to'atamuu booda harmeensaa yaada BBCf kennaniin ilmisaanii ''badhaafamuu malee hidhamuu hin malle'' jedhan.

    ''Adonaay ilma sabaati homaa hin ta'u. Ilma Itoophiyaa qulqulluudha'' jedhan Aadde Abebaa Gabruu.

    Hidhamuusaa wayita dhagahan ''deesseesaa waanin ta'eef sodaadhus hanga seerri jirutti homaa hin ta'u'' jechuun dubbatan.

    ''Hidhamuusaa wayitan dhagahu ilmikoo maal balleesse? maal godhe jedheen gaggaafadhe. Ilmokoo nama waan gaggaarii raawwatudha. Jajjabeeffamuufi badhaafamuu nama qabudha'' jedhan.

    Wanta inni jedhu akka malee yeroo hubatamuufi hiikamu wayita dhagahan gaddi itti dhagaahamuus ibsaniiru.

    ''Adonaay amala baayyee ariifachuu qaba. Ammoo ariifannaasaa kanarratti beekumsa ida'ee waan deemuuf biyya kooree jiraatu dhiisee dhufee ciminasaa agarsiisaa waan jiruuf ittin boona.''

    Sababa hojii ilma isaanii kanatti boonaniif yoo ibsan dargaggoonni araada keessaa akka bahan jajjabeessuu, jabaatanii akka hojjetan gorsuu, hojiidhaan jijjiiramaa malee kadhaan waan badaadha jechuun barsiisuu himan.

    ''Ilmikoo biyyaa baqachuu hin jajjabeessu, Itoophiyaa nan gargaara jedhee dhufuusaatti baayyeen gammada. Kunimmoo kennaa rabbiiti.''

    Badhaasa Tiktookarootaa isa guddicha torbanoota dura Finfinneetti gaggeeffameen Tiktookara cimaa fi dameewwan dorgommii biroon badhaasota hedduu kan injifate Adonaay, Roobii darbe to'annoo jala ooluun gabaafame.

    Miidiyaa hawaasaa gubbaatti yeroo gabaabaa keessatti beekamtii guddaa fi dinqisiifattoota hedduu kan horate Adonaay, maaliif to'annoo jala akka oole Poolisiin Federaalaa ibsa kenneera.

  3. Dubartiin Noobeelii nagaa mo'atte badhaasashee ji'ootaan booda fudhatte

    Maariyaa Koorinaa Makaadoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Hoggantuun paartii mormituu Veenizuweelaa Maariyaa Koorinaa Makaadoo ji'otaaf dhokattee turte badhaasashee fudhachuuf yeroo Norweeyi, Oslootti yeroo imaltu ''balaa'' ishee mudatuu danda'u akka beektu BBCtti himte.

    Makaadoon halkan qixxeedha kan isheen Osloo geessee, barandaa hoteelaa irraa yeroo uummata harka fuutu mul 'atteetti.

    Mudde darberraa qabee yeroo jalqabaafi kan isheen uummata fuulduratti baate.

    Dubartiin ganna 58 mootummaan Veenizuweelaa qoqqobbii imalaa irra kaa'eefi doorsisaa jiru dhoksaadhaan imalte.

    Makaadoon deeggartoota dinqisiifannaa agarsiisuuf Osloo hoteela 'Grand Hotel' argaman harka fuudhaa wajjin sirbaa turte.

    Institiyuutiin Noobeelii badhaasa nagaa kan kenneef biyyashee keessatti ''abbaa irrummaa irraa gara demookiraasitti ce'umsi akka taasifamuf'' qabsoo nagaa taasifateef.

    Roobii kaleessaa intallishee Anaa Koorinaa bashaasa Noobeelii haadhashee bakka bu'uun fudhatteetti.

    Hamma gaafa Roobii galgalaatti haati ijoollee sadii ijoolleeshee nageenyaaf jecha biyyaa bahan waggaa lamaaf hin argine ture.

  4. Isin birrii miiliyoona 8.4 osoo argattanii abbaaf deebistuu?

    Obbo Chaalaachaw Geexuu

    Madda suuraa, AMC

    Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Chaalaachaw hojjetaa mootummaati

    Obbo Chaalaachaw Geexuu jedhamu. Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa keessatti ogeessa faayinaansiiti.

    ALI Sadaasa 20, 2018 ergaan gabaabaa birriin miiliyoona 8.4 gara herreega baankii isaanii seenuu agarsiisu mobaaayilii isaanii seena.

    Obbo Chaalaachaw firriis ta'e maatiin maallaqa hammana gahu biyya keessaas ta'e alaa naaf ergu hin jiru jedhu.

  5. Gaazexeessitoonni DW lama 'dhorkaman', eeyyamni torbanii deebi'e

    DW miidiyaa Jarmanidha

    Madda suuraa, DW

    Gaazexeessitoonni Dooche Veelee (DW) lama irra dhorkaan kaayame itti fufe, torba immoo heyyamni hojii isaanii deebi’eefi.

    Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa gaazexeessitoota miidiyaa Jarmanii (DW) lama uggurri isaaniirra kaawame akka itti fufu, gaazexeessitoota kaanirraa uggura kaasuu beeksiseera.

    Abbaan taayitichaa ALI Onkololeessa 13,2018 gaazexeessitoota DW sagal irra uggura kaawuu miidiyichi ibsa baaseen beeksisee ture.

    Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa tajaajila Afaan Amaaraaf xalayaa barreessen eeyyama hojii isaanii “yeroodhaaf” ugguruu hordofeeti hojii idilee kan dhaaban.

    Abbaan taayitichaa xalayaa ittiin miidiyicha uggure danbiiwwaniifi labsiiwwan tamsaasa haasawa jibbiinsaa fi odeessa sobaa ittisu sarbuuni jedhamee akka ture DW’n wayita san ibsee ture.

    DW’n ibsa isaa keessatti “himatni qabatamaan takkallee” akka itti hin dhiyaatin himee ture. Uggurri gaazexeessitoota isaarra guyyoota 40 caalu kaa’ame kun akka irraa ka’u gaafachaa ture.

    Abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa ALI Mudde 01, 2018 gaazexeessitoota torbaaf heyyama hojii kan deebiseef yoo ta’u kan lamaa itti fufiinsan ugguruu miidiyichi beeksise.

    DW’n uggurrii heyyama gaazexeessitoota lamaan hafanii balaaleffachuun ibsa dabalataa abbaa taayitichaarraa akka barbaadu ibse. Abbaan taayitichaa dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu.

  6. Tiraamp Venezuweelaatti maal to'anne jedhan?

    Waraana Ameerikaa

    Humni waraanaa Ameerikaa taankarii boba'aa qarqara galaanaa Veenizuweelaatti argamu to'achuu Pireezidaant Tiraamp dubbatan.

    Kunis duula Ameerikaan mootummaa biyyattii Nikoolaas Maaduroo irratti taasisaa jirtu kan agarsiisedha.

  7. Tiraamp 'viizaa warqee' godaantota sooreyyiif kennamu jalqabsiisan

    Tiraamp viizaa 'warqee' qabatanii

    Madda suuraa, @realDonaldTrump/Truth Social

    Pireezidant Tiraamp sagantaa lammiileen biyya alaa yoo xiqqaate doolaara miiliyoona 1 kaffalan viizaa US dafee qaqqabu akka argatan taasisu jalqabsiisuu beeksisan.

    Kaardii viizaa kana ''warreen bitatan sakatta'amaii darbinaan kallattiin lammummaa US argachuuf karaa bana.

    ''AKKAAN NAMATTI TOLA. Dhaaboti Ameerikaa gurguddoon dandeettii isaanii gatii jabeessa tahe itti fufsiisuu danda'u,'' jechuun Tiraamp Roobii miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessan.

    Kaardiin viizaa 'warqee' jalqaba waggaa kanaatti beeksifame viizaa Ameerikaa namoota biyya alaa biyyattiif ''bu'aa qabatamaa'' akka kennan amansiisuu danda'aniif kennama.

    Murtoon kuni yeroo Waashingitan kaffaltii viizaa dabaluufi godaantota hin galmoofne biyyaa baasuu dabalatee yeroo tarkaanfii fudhataa jirtutti dhagahame.

  8. Itoophiyaatti walabummaan miidiyaa duubatti deebi'aa jira - Gabaasa

    Harkaafi maayikii

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaatti walitti bu’iinsa babal’ate hordofee walabummaan miidiyaa baroota dhiyoo argame baay’een duubatti deebi’ee jira jedhe gareen mirga gaazexeessitootaf falmu Reporters Without Borders.

    “Bulchiinsa Abiy Ahmad jalatti dirreen miidiyaa fiinxaalessummaan dhuunfatameera. Gaazexeessummaan dhugaa faana dhawuu caalaa yaadaa dhuunfaatin calaqqisa.

    Garuu heddumminni fi babal’inni miidiyaa sirna isa duraarra ni caala jedha Reporters Without Borders, miidiyaaleen 200 ugguramanii turan banamuu eera.

    Haala siyaasa fedhiin seenessa olola waraanaatiin olaantummaa horachuu hidhattoota mootummaa mormanii fi mootummaatiin oofamaa jiraachuus gabaaseera RSF.

    Kun immoo miidiyaa hawaasaa irratti odeessa dogongoraa facaasuun miidiyaaleellee dogoggorsaa jira jedha.

    “Abbaan taayitaa miidiyaalee biyyattii meeshaa mootummaa ta’ee jira, gaazexeessummaa walabaa hin jajjabeessu” jedha Reporters Without Borders, seerri miidiyaa bara 2021 raggaasifame mirga mirga gaazexeessitootaa kabajchiisuu hin dandeenye.

    Seeronni akka farra - shororkeessummaa fa’i meeshaa ukkaamsaa ta’aa jiraachuus eere.

    Rakkoon diinagdee fi qaalayiinsi jireenyaa amanamummaa ogummichaa gaaffii keessa galchuus ibseera.

    Ogeeyyiin miidiyaa hedduun walitti bu’iinsa waan gabaasaniif hidhamuu kan himu gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu kun, kuun biyyaa baqachuu kaasa.

    Miidiyaaleen TV alaa tamsaasan 15 ugguramuu fi gaazexeessaan lammii Freench bara 2024 biyyaa ari’amee jedhe RSF.

  9. Mohaammad Saalaah gara Sa'uudii imaluufii?

    Mohammad Saalaa

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Mohammad Saalaa Liiverpuuliif yeroo dhumaaf goolii kan galche tapha Sadaasa 1 Aston Viilaa waliin taphatan irratti

    Jifataan Liiverpuul Mohammad Saalaa amma yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaa Liigii Sa'uudii (Saudi Pro League) ta'uu hoogganaan liigichaa Omaar Mugaarbeel ibsan.

    Taphataan lammii Masirii yeroo ammaa umriin isaa waggaa 33 ta'e kun Kibxata darbe wayita gareen isaa tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigiif gara Intar Miilaan imalee 1 fi 0 dhaan injifate keessa hin turre.

  10. Masriifi Iraan maal mormaa jiru?

    Dorgommii Waancaaa Addunyaaf Masirii fi Iraan, Beeljiyem fi Niwu Zilaand waliin garee G keessatti ramadaman

    Madda suuraa, BBC Sport/Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii Waancaaa Addunyaaf Masirii fi Iraan, Beeljiyem fi Niwu Zilaand waliin garee G keessatti ramadaman

    Dorgommii Waancaa Addunyaa 2026 irratti taphi yaadannoo fi kabaja jaallattoota saala walfakkaataa- LGBTQ+ jedhamaniif oolu adda ba'eera.

    Tapha carraan kun ga'e kanneen taphatan mormii dhageessisanis jaarmiyaan karoora kanaan as ba'e ''Pride Match'' jedhamu taphi kun inuma gaggeeffama jedhe.

    Waldaan Kubbaa Miillaa Masirii taphi Iraan waliin taphatan kaayyoo kanaaf ooluu akka hin qabne xalayaa jaarmiyaa kubbaa miillaa addunyaa hoogganu- Fifa dhaaf barreesseen gaaffateera.

  11. Finfinneetti barattoonni kutaa 6ffaa fi 8ffaa Afaan Oromoo 'ni qoramu' - Gabaasa

    Asxaa waajira barnootaa Finfinnee

    Madda suuraa, Addis Ababa Education Bureau

    Finfinneetti qormaata ministirii kutaa 6ffaafi 8ffaa baranaa barattoonni fudhatan Afaan Oromoos akka qoraman waajirri barnootaa Finfinnee beeksisuu miidiyaan biyya keessaa Rippoortar gabaaseera

    Waajirichi dhimma kanarratti xalayaa barreesseen waajiraalee barnootaa kutaalee magaalaa hundatti beeksisuu ibseera. Kunis manneen barnootaa idil-addunyaa magaalattii keessa jiran ni dabalata.

    Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa akkasumas herreega, saayinsiifi barnooti lammummaafi amala gaarii ni kennamu.

    Finfinnee keessatti manneen barnootaa kutaa 6ffaa, sirna Afaan Amaaraan barsiisan Afaan Oromoo akka afaan lammataatti kan barsiisan yoo tahu kanneen sirna barnootaa Afaan Oromoon barsiisan ammoo Afaan Amaaraa akka afaan lammataatti kennu.

    Murtoo kanarrtti waajirri barnootaa Finfinnee ifatti ibsa baase hin qabu.

  12. 'Hacuuccaa waggoota shanii' falmitoota mirgaa Itoophiyaarra gahe maali?

    Magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Christian alemu

    Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbileen kuni mootummaa Itoophiyaa himataniiru

    Dhaabbileen idila addunyaa dararaa hambisuurratti hojjetan OMCT fi Federeeshiniin Mirga Namoomaa Idila addunyaa, mootummaan Itoophiyaa waggoota shanan darban falmitoota mirga namoomaarratti hacuuccaa guddaa raawwachaa jira jedhan.

    Dhaabbileen lamaan qorannoo gaggeessaa turan irratti hundaa'uun gabaasa haaraa baasaniin hidhaan, dararaa, achi buutee namaa dhabamsiisuu, ajjeesuufi biyyaa akka godaanan gochuun hammaachaa jira jedhan.

  13. IMF doolaara miiliyoona 261 Itoophiyaaf kennuuf waliigale

    Gareen IMF dhihoo Itoophiyaatti imalee ture

    Madda suuraa, KGeorgieva

    Itoophiyaan deeggarsa dolaara miiliyoona 261 Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argachuuf karra saaqu garee IMF waliin waliigalte.

    Rooyitars akka gabaasetti, waliigaltee kana hordofee boordiin yoo mallatteesse Itoophiyaaf dolaarri miiliyoona 261 ni gadhiifama.

    Deeggarsi maallaqaa kuni qaama liqaa Itoophiyaa fi IMF gidduu mallattaa'eefi yeroo yeroon gadhiifamudha.

    Yoo maallaqi eegamu gadhiifame liqiin Itoophiyaan dhaabbaticharraa argatte dolaara biiliyoona 2.13 gaha jechuudha.

    Gareen IMF dhihoo Itoophiyaatti imaluun aangawoota Itoophiyaa waliin kan mari'ate yoo ta'u, waan adeemaa jiru jajjabeessaa ta'u ibsees ture.

    Itoophiyaan biyyoota Afrikaa liqaan hedduu irra jiru keessaa tokkodha.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduu biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya. Isinis WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!