'Hacuuccaa waggoota shanii' falmitoota mirga namoomaa Itoophiyaarra gahe qorannoon ifa baase

Madda suuraa, Christian alemu
Dhaabbileen idila addunyaa dararaa hambisuurratti hojjetan OMCT fi Federeeshiniin Mirga Namoomaa Idila addunyaa, mootummaan Itoophiyaa waggoota shanan darban falmitoota mirga namoomaarratti hacuuccaa guddaa raawwachaa jira jedhan.
Dhaabbileen lamaan qorannoo gaggeessaa turan irratti hundaa'uun gabaasa haaraa baasaniin hidhaan, dararaa, achi buutee namaa dhabamsiisuu, ajjeesuufi biyyaa akka godaanan gochuun hammaachaa jira jedhan.
Dhaabbileen kun bu'aa qorannoosaanii mata duree The Illusion of Progress: Ethiopia's human rights defenders under attack jedhuun baasaniin, jijjiiramni erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii dhufe kan bitaa namatti galu ta'uufi falmitoota mirgaa balaaf saaxile ta'uu ibsan.
Dhaabbatni teessoosaa Jenevaa godhate OMCT, guyyaa Mirga Namoomaa Idila Addunyaa Muddee 10, 2025 yaadatamu sababeeffachuun gabaasa Itoophiyaa ilaalchisee baaseen bara 2020-2025 sarbama falmitoota mirgaarratti raawwate 41 qorachuu ibseera.
Ammoo sarbamni raawwatamu kan isaan qoratan caalaa hamaa ta'uu marsiriitiisaa gubbaatti barruu baaseen beeksiseera.
Dhaabbileen Siiviilii Itoophiyaa hidhaa falmitoota mirgaarratti raawwate 224 galmeessuu ibseera. Kana keessaa 201 kan gaazexessitootarratti raawwate ta'uu ibeeksise.
Abbootii Gadaa Karrayyuu 16 ajjeefaman dabalatee falmitootni mirgaa fi dursitootni hawaasaa hedduun ajjeefamuu ibseera.
Waggoota shanan darban keessa gaazexessitootni 50 ol biyyaa baqachuuf dirqamuusaaniis gabaasichi eereera.
Namootni dhibbaan lakkaa'aman bakka dhoksaatti ugguramuun dararaan kan irratti raawwatamu ta'uus ibse. Dhaabbatichi qorannoo gaggeesse keessatti falmitootni mirga namooma torba dararaan irra gahuu himachuu ibseera. Afur ammoo dhoksaan bakka buuteensaanii akka dhabamu godhamuu dhaabbatichatti himataniiru.
Iddoowwan dararaan itti gaggeeffamu jedhamee maqaan kaampii waraanaa Awaash Arbaa irra deddeebiin dhagaahamuun rakkoon kun hangam hammaataa akka ta'e agarsiisa jedha gabaasichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreessaa olaanaan OMCT Jeraald Staabrook ''Awaash Arbaan maqaa deebi'ee dhagahamuu hin qabne ture'' jedhan.
Maqaansaa gidduugaloota dhoksaa biroo waliin ka'aa jiraachuunsaa mootummaan warra mirga namoomaaf dhaabatan hacuucuuf mala hamtuu fayyadamuu itti fufuusaa nu yaadachiisa'' jedhaniiru.
''Addunyaan gaaga'ama bakka adda addaa jiru ilaalaa jirti. Garuummoo homtu, wanti tokkoyyuu wanta Itoophiyaatti adeemaa jiru akka hin argine hin godhu. Kunis[Itoophiyaan] hegeree Afrikaa, hegeree mirga namoomaati.''
Pirezidantiin Federeeshinii Mirga Namoomaa Idila Addunyaa Aleeksiis Deeswiif Ejensiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hedduun Itoophiyaan dararaafi akka feeteen nama hidhuu dhaabbilee siiviiliirratti raawwattu akka dhaabdu waamichaa gochaa turanis deebii gaarii hin argannee jedhaniiru.
Wayita rifoormiin gagegeffamaa tures wamichi Itoophiyaaf dhiyate kun gurra hin argannee jedhaniiru.
Dhaabbileen lamaan kun mootummaan Itoophiyaa wayita MM Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii mo'atan uumamee ture akka deebisan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyaa Mirga Namoomaa Idila Adunyatti Itoophiyaan warra mirgi namoomaa akka kabajamu hojjetan eeguurratti murannoo qabdu tarkaanfii qabatamaa fudhachuu qabdii jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Namoota mirga namoomaaf falmuusaaniirraa kan ka'e hidhaman akka gadhiiftu, sarbama mirgaa isaanirratti raawwatameef gaafatamumman akka mirkanaa'u akka gootuufi iddoolee dhokatoo dararaan itti raawwatu akka cuftu waamicha dhiyeessaniiru.












