Tigraay: Qorannoon yakkaa idil-addunyaa addaan cite akka eegaluuf waamichi dhiyaate

Alaabaa fi loltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, IBAHRI

Gabaasni idil-addunyaa waa'ee waraana Tigraay akka jedhetti, waligaltee Piritooriyaa booda waraanni dhaabatus sarbamni mirga namoomaa itti fufee jira.

Ibsa Waldaan Ogeessota Seeraa Idil-addunyaa (IBAHRI) gamtaa dhaabbilee miti mootummaa waliin ta'uun baaseen, Tigraay keessatti gochoonni hammeenyaa namoota irratti raawwataman itti fufu eera.

''Yakkootni akka gareen gudeeduu, dirqiin ulfeessu, miidhaa saalaafi itti yaadanii beelessuu dabalatee yakkoonni raawwataman itti fufuu'' isaaniif yaaddoo guddaatu jira jedheera.

Dhaabbileen mirga namoomaa kun hawaasni addunyaa haala jiru loogii tokko malee qorachuu akka itti fufuus waamicha taasise.

''Qaqqabummaa namoomaa mirkaneessuuf yakka sarbama dhala namaa fi yakka waraanaa raawwatamuuf itti gaafatamummaan jiraachuu qaba'' jedhe.

Waliigalteen Piriitooriyaa balaadhaaf saaxilamaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa garee TPLF fi mootummaa Eertiraa himataa turee

Gareen TPLF gama isaan mootummaan Itoophiyaa hidhattoota Tigraay naannoo Affaar deggeruu fi ummata buqqa'uun Lixa Tigraay deebisuu diduun himate.

''Hokkorri, buqqaati fi dhiittaan mirgaa bal'aan Itoophiyaa gaaga'uu itti fufee jira,'' jechuun dura taa'aan dhaabbatichaa Ibahrii Maark Isteevansi kan himan

''Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa Itoophiyaa [ICHREE] cufamuuf dirqamuun haalli kun akka ifa hin taaneqaawa uumeras jedhan.

Hawaasni addunyaa dhaloonni biraa miidhaa ga'aa jituun daran utuu hin gaaga'amin dura mala hordoffii fi haqni akka jiraatu socho'uu qaba.' jedhan.

Waraanni Tigraay jaarraa 21ffaa keessatti gaga'ama guddaa geessise keessaa tokko yoo ta'u, namoonni hanga 600,000 ta'an ajjeefamaniiru jedha gabaasni kun.

Yeroo ammaa kana mootummaan Itoophiyaa fi Ertiraa dhimma buufata dooniitiin waldhabdee keessa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa Waraanni Eertiraa ammallee daangaa Itoophiyaa keessaa akka hin baanee fi miidhaa naannawa kanatti ga'aniif itti gaafatamaan isaan ta'uu ibsa.

Haa ta'u malee, gabaasa kana keessatti deebiin qaamaa abbummaan miidhaa kana geessisaa jiruu kan ibsame hin jiru.

Badii kana eenyutu raawwataa jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Mirga Namoomaa Waldaa Ogeeyyii Seeraa Idil-addunyaa (IBAHRI) biyyoonni dhimmi ilaallatu, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbileen idil-addunyaaf naannawaa dabalatee gocha hammeenyaa achitti ta'u dhaabsisuuf akka tumsan waamicha dhiyeesse.

''Tarkaanfiin hatattamaa fi qabatamaan akka fudhatamu gaafannaa'' jedheera.

Adeemsi seeraa idil-addunyaa loogii hin qabne irra deebi'ee akka hundeeffamuufi qorannoon naannolee waraanni itti fufee jirutti akka taasifamu ibseera.

Akkasumas nageenyi namoota akka eegamu fi gargaarsi namoomaa kanneen bira qaqqabuu barbaachisu bira akka ga'uuf hojjatamuu akka qabullee dhaamera.

Akkasumas, buqqaatota guutuu biyyattii keessatti argamaniif furmaatni waaraa mirga namoomaa irratti hundaa'e akka kennamu gaafatee jira.

Kunis nageenya mirkaneessu fi gargaarsa barbaachisaa ta'e argachuu dabalata.

Himata yakkaa gurguddoo biyyattii keessatti dhiyaatan qorachuuf kan hundeeffame Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa [ICHREE], hordoffii addunyaa rakkoo kanaatiif murteessaa ta'uu gabaasni kun ni mul'isa.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyootaa Gamtoomanii gabaasa isaa isa dhumaa Onkoloolessa bara 2023 baaseen yakkoota dhala namaa irratti raawwatamanii fi yakka waraanaa bal'inaan ibseera.

Gabaasni kun akka jedhutti waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa akkasumas humni addaa fi milishoonni [keessumaa humni waraanaa naannoo Amaaraa] waliin ta'uun waraana humnoota Tigraay waliin gaggeessan keessatti hunduu itti gaafatamummaa akka qaban ibseera

Dhiittaa mirga namoomaa kutaalee Affaarii fi Amaaraa tokko tokkotti raawwatameef humnoonni Tigraay itti gaafatamaa ta'uus ibsa

Mootummaan Itoophiyaa ergama siyaasaa qaba jechuun jalqabarraa kaasee gabaas a omishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiya kuffisee ture.

Komishiinichi waggaa lama keessatti hojii isaa osoo hin xumurin hojii irraa ari'ame.

Lolli Tigraay waggaa lamaaf gaggeeffame naannicha keessaatti namoota miliyoona lamaa ol qe'ee isaanii irraa buqqisuu fi kanneen gara 70,000 gara Sudaan bbaqchuu gabaasaleen kan ibsan

Torban muraasa dura kan bahe gabaasni Komishinii Qorannoo Tigraayis naannichatti gochootni hammeenyaa, miidhaa qabeenyaa fi gaaga'amni hedduun ga'uu ibsuun ni yaadatama.