TPLF dubbii MM Abiy tibbana paarlamaa irratti dubbataniif deebii kenne

Dura taa'aa TPLF Debretsiyoon Gebremikaa'el

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dura taa'aa TPLF Debretsiyoon Gebremikaa'el

Gareen Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) dubbii MM Abiy Ahimad jalqaba torbee kanaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa keessatti dubbatan mormuun, ibsa baasera.

Ibsa isaan qoccolloo gama mootummaa federaal itti fufu fi waraanni marsaa biraa yoo ka'e kan balaa guddaa qabu ta'uu eereera.

Garichi ibsa kaleessa baase kanaan, mootummaan Itoophiyaa biyyootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa mariisisuu dura ''waliigalteen Piritooriyaa hiika akka hin qabne gochuuf hojjechaa jira'' jedhe.

"Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuudhan, hidhattootni Naannoo Tigraay keessaa akka baafamam gochuu caalaa, caalatti hidhannoon akka jabaatan taasisaa jira" jedhe ibsichi.

Haa ta'uu malee Ummanni Tigraay fi TPLF adeemsi waliigaltee kanaan gama hundaan akka hojiitti hiikamuuf hojjechaa turudha ibsichi kan eeru.

Akka himannaa garichaatti, mootummaan federaalaa qaama waligaltichaa gara dhimma teeknikaatti gadi buusuun waligaltichi akka hojitti hin hiikamne taasisaa ture.

Waraana Tigraay keessatti geggeeffame hordofuun beekamtiin seeraa dhaabicha irraa haqamee, akka 'garee shororkeessaa' tti farrajamuullee yaadachiisera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa TPLF waldhabdee hidhannoo keessatti hirmaate jechuun beekamtii dhaabichaa haqee ture

Haa ta'u malee, erga mootummaa federaalaa waliin irra deddeebiin mari'ataniin booda, beekamtiin dhaabichaa akka deebi'uuf waliigalteerra ga'amu eere ibsi kun.

Haa ta'uu malee, Boordiin Filannoo beekamtii seeraa argachuuf TPLF irra deebiin dhaaba siyaasaa haaraa ta'ee galmaa'uu malee beekamtii seeraas ta'ee fudhatama dhaabichi waggoota kurnan sadii ol lakkoofsise qabuun itti fufuu waan hin dandeenyeef dhimmaa falmisiisaa ta'ee jira.

Dhimma namoota Piriitooriyaa mallatteessanii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi biraa TPLF ibsa isaa keessatti kaase yaada MM Abiy Ahimad mariisistoota waliigaltee Piritooriyaa irratti hirmaatan kan ilaallatudha.

''Waliigaltichi TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti kan mallattaa'e ta'us, adeemsa namootni dhaabbilee bakka bu'anii maricha irratti hirmaatanii fi waliigaltee mallatteessan gara dhuunfaatti geeffamee,'' jedha ibsichi.

MM Abiy haasaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif taasisaniin mariisistoonni fi namootni waliigalticha mallatteessan jedhan eeruun hoggantoota TPLF amma Tigraay amma mootummaa waliin atakaroo keessa jiran waliin akka hin taane ibsan.

Kanneen gama Tigraayii bakka bu'uun walii galticha mallatteessan ijoodha jedhanis eeran. ''Pireetooriyaa Jeneraal Tsadkaan, Geetachoo Raddaa fi Assefa Abirahaa waliin mallattaa'e'' jedhan

Kana malees, filannoon naannoo TPLF waraana dura gaggeesse seeraan ala ta'e akka haqamu, caasaan naannoo seeraan alaa sun diigamee, mootummaan ce'umsaa yeroo akka ijaaramuu, hidhattoonni hidhannoo hiikkachuu fi buqqaatonni gara qe'ee isaaniitti deebi'uunfaa qaama waliigaltee kanaa ta'uu yaadachiisan.

''Meeshaa waraanaa dhoksuu fi leenjiin waraanaa qaama waliigaltichaa hin turre,'' jechuun MM Abiy, TPLF hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaa gufachiisuu himatan.

Ibsi TPLF kanaaf deebii kenneen, "waliigaltee kana eenyutu mallatteesse ykn maal jedhan osoo hin taane, qabxiileen waliigaltee sanada keessa jiran hojiirra ooluu fi dhiisuu isaaniitin maddalamu qaba'' jedhe.

'Waraana Ji'a Lamaa'..

MM Abiy Ahimed

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimed

"Waraanni Tigraayitti geggeeffamaa ture hamma garmalee dhaadheffame hin turre. Waraanni Tigiraayitti gaggeesine osoo lakkaa'ame ji'a lama hin caalu,yeroo dheeraa hanga sanaaf waraana keessa turame jedhanii kan yaadan jiru. Garuu akkas miti," jedhanii turan MM Abiy parlaamaatti.

Inumaa ''waraanni Wallaggatti gaggeeffame kan Tigiraayitti gaggeeffame ni caala'' jechuun dubbatan.

Garuu ibsi TPLF kun, dubbiin MM waraana waggootaaf dhiiga dhangalaase gadi xiqqeessuuf yaalii taasifamee jedhe.

"Sababii mootummaan Itoophiyaa waliigaltee kana hojiirra oolchuu dadhabeef, waraana waggaa lamaaf dhiiga dhangalaase fi ammallee marsaa biraaf qoccolloo itti fufee jiru karaa kamiinuu xiqqeessuu hin qabu" jedheera.

TPLF waraanni Wallaggaa Ministirri muummee Abiy akka wal bira qabanii itti fayyadamaanis akka dhaabbatu waamicha dhiyeessera.

Erga waraanni Tigraay Sadaasa 2020 jalqabee hanga Sadaasa 2022 waliigalteen xumuramutti lammiileen nagaa kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, hedduunis madaa'aniiru.

Dubartoota heddutti lakkaa'aman irra miidhaa saalaa ga'uu fi kanneen kuma hedduu ta'an keessaa fi alaatti buqqa'uuf dirqamuu isaanii gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan mul'isu.

Haala amma jiru...?

Waldhabdeefi wal himannaan mootummaa federaalaa fi hooggantoota TPLF jidduutti erga eegalee bubbuleera.

Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa baatii Fulbaanaa darbe xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erge irratti TPLF fi Ertiraan humna waloo hundeeffachuun waraana Itoophiyaa irratti banuuf sochiirra akka jiran himachuun ni yaadatama.

Haa ta'u malee, lamaan isaanii himata sana haaluun, gama Itoophiyaatiin waraanni irratti banuuf akka jiru deebisuun himatan.

Lammileen Tigraay fi xiinxaltootnillee, waraanni marsaa biraa Tigraayitti ka'uu maluuf yaaddoo qaban, naannichi lola waggaa lamaatiin gaaga'amee ture, waldhabdee hidhannoo biraa dandamachuu hin danda'u jechuun ibsaa jiru.

Mootummaan federaalaa hidhattoota TPLF leenjisee fi meeshaan waraanaa waraanaa adeemsa DDR'n hiikkachuu utuu qabanii akka hin hiikkanne dhoksuun himata.

Hoggantoonni TPLF ammoo hariiroon hoggantoota Eertiraa waliin qaban, ummata Tigraay fi ummataa Ertiraa gidduutti hariiroo nagaa cimsuu malee, akka mootummaan himatu Ertiraa waliin qindaa'uun lola gaggeessuuf akka hin taane haale.

Ibsichi dubbiin kun "maqaa balleessii fi doorsisa hoggantoonni waraanaa fi siiviilii mootummaa Itoophiyaa Tigraay irratti facaasaa turan itti fufuuagarsiisaa" jedheera.

''Balaa lola marsaa biraa mootummaan Itoophiyaatiin geggeeffamaa jiru gama hundaan baayyee kan hammaatu waan ta'eef, qaamni dhimmi ilaallatu hundi dafee dhaabuuf ga'ee isaa bahuu qaba,'' jedhe.

"Qaamoleen mariichaa Gamtaa Afrikaa fi dhaabbileen idil-addunyaa dhimmi kun ilaalu, haala jiru qorachuun waliigalte Pirittoriyaa balaa jala jiru baraaruuf ga'ee isaanii akka ba'an waamicha goona," jechuun ibsi TPLF baasee beeksiseera.