Miidha isheerra gaheef Iraan beenyaa ni gafatti-Mojtaba Kameeni
Miidiyaaleen mootummaa Iraan ibsa hogganaa olaanaa irraa kenname gabaasaa jiru
Kamenin erga abbaan isaa jalqaba waraanaa irratti ajjeefamuu fi Isaanirraas miidhaan qaqqabuun gabaafamee hogganaa olaanaa biyyattii ta'ansi ummata duratti hin mul'anne.
Haa ta'uu malee ergaan isaanirraa kennamee jedhu miidiyaalee biyyattiin kan tamsa'u yoo ta'u ergaa amma darbe keessatti Iraan Biyyaa injifattuu ta'uu ishee eeraniiru.
Akka ibsa qoodameetti Iraan ''biyya injifattuu'' waraana kanaa ta'uu dubbata.
Ergaa kana keessa gabaabinaan
- Sirni mootummaa Iraan "kasaaraa irra gahe hundaaf akkasumas warra waraana kanaan miidhamaniif beenyaa" ni gaafata jedhan.
- Sirnichi "bulchiinsa ulaa Hormuz gara marsaa haaraattis ni ceessisaa" jedha - garuu sun maal akka ta'u bal'inaan hin ibsine.
- Deeggartootni sirna Iraan "sagaleen keessan addabaabayii ummataa irratti dhageessisaa kun bu'aa marii irratti dhiibbaa waan qabaatuuf" jechuun hirriiri deeggarsaa daandii irratti akka ba'u gaafatan.
- Iraan "waraana barbaaddee hin beektu, nutis waraana hin barbaannu garuu mirga seera qabeessa keenya sarbuuf kan nutti dhufu karaa kamiinuu qolachuuf duubatti hin deebinu''jechuun ibsaniiru.