Akkamitti akka tarsiimoon waraanaa Iraan US fi Israa'el 'ajaa'ibsiise'

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Guraandhala 28, 2026 Yunaayitid Isteetiifi Israa'el waloon Iraan irratti yeroo waraana bananitti gaaffiin guddaan kana ture: Waraanni kun yeroo hangamiif tura?

Haata'u malee, haalli jiru waraanichi guyyaarraa gara guyyaatti, torbanirraa gara torbaniitti darbuun amma ji'a lamaffaa qabateera. Amma guyyaa waraanni kun ni dhaabbata jedhamee adda baafamee barame hin jiru.

Haasaa dhiyeenya kana ummata Ameerikaaf taasiseen Pirezidant Tiraamp, faallaa ummanni irraa eegu karoora ifa ta'e dhiyeessuu hin dandeenye.

Haata'u malee, "Yunaayitid Isteet kaayyoo tarsiimawaa Iraan keessatti qabdu milkeessuutti dhiyaatteetti" jechuun "haleellaawwan gurguddaan Iraan irratti torbanoota lamaa hanga torban sadan dhufaniitti ni gaggeeffama" jedhe.

Kana malees, "Iraan gara 'bara dhakaatti' akka deebisu" dhaadatees ture.

Haasaa isaa keessatti gabaan boba'aafi qoodni gabaa akka fooyyaa'u abdiin jiraachuu dubbatullee, dubbii isaatiin booda osoo hin turiin gabaan boba'aa akkaan dabalee, gaheen gabaa (stock market) garuu kufe.

NATO'tti ambaasaaddarri duraanii Ivoo Daalder dubbii Tiraamp dubbateef deebii yeroo kennu, dubbiin Tiraamp "waa'ee kaayyoo waraanichaarratti shakkii kaasiseera" waan ta'eef gaaffiiwwan deebii hin argatiin barbaachisoo ta'an kaaseera. Gaaffileen kunneenis, Tiramp nukilarri, humni galaanaa fi misaa'elaa Iraan barbadaa'aniiru jedhus oppereeshiniin waraanaa US Iraan keessatti itti fufeera kan jedhuuf kaan dabalata.

Ibsa Tiraamp keessaa wanti tokko ifadha: Waraanni kun itti fufa.

Sadarkaa gara jalqabarra miidhaan jabaa irra ga'us, Iraan ammallee cimtee waraanaa waan jirtuufi waraanichis itti fufeera.

Walitti bu'iinsi Yunaayitid Isteetifi michoota NATO gidduutti mudate amma ifatti mul'ateera. Kana waan ta'eef Tiraamp amma NATO ilaalchisuun wanti jedhan irra keessaan malee garaarraa ta'uu dhabuu qofa osoo hin taane miseensummaa keessaa ba'uufis dhaadateera.

Waraanni kun ji'a tokkoo oliif itti fufullee, akkaataa lammileen Iraan itti jiran akka Tiraamp fi Netaaniyaahuun yaadan miti.

Aanga'oonni kunneen ummanni Iraan akka fincilee mootummaa galagalchuuf waamicha taasisanillee akka isaan yaadan hin taane.

Haleellaan Iraan buufataaleen waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiranirratti raawwatte miidhaa cima ageessiseera. Maqaa gaarii biyyoonni Galoo Galaanaa buufataaleen waraanaa US keessa jiran nagaa ilaalchisuun qaban tures miidhameera.

Akka ogeessonni jedhanitti, hanguma waraanni kun dheerataa deeme wabiin nageenyaa biyyoota Baha Giddugaleessaafi Awurooppaa gaaffii keessa gala waan ta'eef amantaan Yunaayitid Isteetirraa qabanis gara xiqqaachuutti deema.

Ulaan Hormuuz Iraaniin cufamuun ammoo rakkoo hanqina boba'aa addunyaa uumeera.

Amma biyyoonni baayyeen Yunaayitid Isteetiifi Israa'el hatattamaan walitti bu'iinsa kana akka dhaabaniif dhiibbaa gocha ajiru.

Biyyoonni tokko tokko ammoo buufata qabaniifi daangaa qilleensaa isaanii Ameerikaan akka hin fayyadamne dhowwataas jiru.

Yunaayitid Isteet ammoo michootashee warra akka Biriteen, Faransaay, Xaaliyaan, Ispeen fi Kanaadaa waraana Iraan irratti gaggeessaa jirturratti ana hin gargaarre jechuun himachaa jirti.

US fi Israa'irra dhiibbaan gahaa jiraa?

Kana hubachuudhaaf, gara yeroo waraanni kun jalqabeetti deebinee ilaaluu qabna.

Haleellaan qilleensaa mana barumsaa dubartootaa magaalaa Minaab, Iraan keessa jiru irratti raawwatame ijoollee durbaa dabalatee namoota baayyeetu ajjeefame.

Yeroo jalqabaatiif, Faransaay, Jarmanii, Biriteen, xaaliyaan dabalatee biyoonni Awurooppaa hedduufi Chaayinaan haleellaa kana balaaleffachuu hordofee sagaleen mormii waraana kanarratti dhaga'amuu jalqabe.

Biyyoonni baayyeen biroos akkuma kana haleellaa kana balaaleeffachuun, Yunaayitid Isteetii fi Israa'el abaaraniiru. Wanti baeekamuu qabu, Yunaayitid Isteetis ta'e Israa'el haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Kanaaf, haala kana keessatti, Iraan karaa waraanaafi dippilomaasii So, in this situation, has Iran succeeded to some extent in creating an environment that fosters hostility towards the United States and Israel through its military and diplomatic strategies?

Walumaagalatti, waraanni kun amma osoo hin dhaabbatiin ji'a lamaffaa qabateera; Ulaan Hormuuz cufamee waan jiruuf addunyaan hanqina boba'aatiin raafamaa jirti. Erguma hogganaa waliigalaa Iraan ajjeefameellee, waraanni itti fufuun haalli waraana dhaabuu dhiyeenyatti hin mul'atu.

Waraanni kun akkuma itti fufeen, Yunaayitid Isteetis fi Israa'el addunyaarraa qeequmsi isaan mudataa jira.

Waraana kana mormuun Yunaayitdi Isteetis keessatti dabalatee hiriirri mormii gurguddaan gaggeefameera.

Bitootessa 3 Pirezidantiin US Doonaald Tieramp karaa miidyaa hawaasaa isaa Truth Social Yunaayitid Isteetisiifi Iraan gidduutti waraana dhaabuurratti mariin bu'a qabeessi tureera jedhee, garuu haleellaa itti fufuudhaaf cimsee doorsisaa ture.

Akka ogeessi istiraateejikii Birhaam Chellaanii jedhutti, "Tiraamp waraana kana kan jalqabeef mootummaa Iraan buqqisuu galma godhatee ture, garuu galma jalqabaa isaa kana milkeessuu dadhabee mootummaadhuma buqqisuuf yaalee dadgabe sana waliin waliigalteerra ga'uuf mariyachaa jira. Matiin Iraan waliinii kun erga dhugaan jiru hubatamee booda kan dirqamaan jalqabamedha."

Hamiin Reesaa Aziizi, Inistititiyuutii Nageenyaafi Dhimmoota Idil-addunyaa Jarman kan Barliin jirutti qorataa kan ta'e, mata-duree "Akkamitti Akka Iraan Tarsiimoo Waraanaashee jijjiirte" jechuun waa'ee walitti bu'iinsaa iraan xiinxala tokko barreesseera.

Xiinxalaan kun akkas jedhe: "Iraan misaa'elootaafi diroonii fayyadamuun bu'uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta'anirratti xiyyeeffachuun baasiin waraanaa Yunaayitid Isteetis fi Israa'el akkaa dabalu taasisteetti."

"Iraan ta'e jettee waraanni kun akka walitti bu'iinsaa naannootti akka fudhatamu gooteetti. Iraan waraana kana akka qaama lama gidduutti ta'etti hin ilaaltu."

"Kana jechuun ammoo Yunaayitid Isteetii fi Israa'el kanneen akka Libaanos, Iraaq fi Galoo Galaanaa irraa haleeklamuu kan danda'an yoo ta'u, kun ammoo baajata waraanaa isaanii bakkeewwan baayyeetti akka baasan isaan dirqisiisa.

Dabalataan, Iraan dandeettii ishee tilmaamuu hin dandeenye ummatteetti. Haleellaan itti aanu eessarraa dhufuu akka danda'u hin beekan."

Akka xiinxalaan kun jedhutti, tarsiimoon Iraan waraana kana daftee mo'achuu osoo hin taane, diinotashee nuffisiisuudha.

"Iraan waraana kana hatattamaan akka dhumu hin barbaaddu, garuu waraanni kun diinotasheef qofa osoo hin taane michootasaaniifillee akka qaalii ta'u gochuuf dhiibbaa waraanaa, dippilomaasiifi dinagdee yeroo dheeraa gochuu itti fufteetti."