Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa US fi Iraan maal beekna
US fi Iraan walitti bu'iinsa torbanootaaf booda torban lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.
Yeroo kanatti Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan bilisaan ni sosso'u.
Waliigalteen kuni erga US fi Israa'el waloon Iraan irratti haleellaa eegalanii ji'a tokko ol ta'eefi Pirezidant Tiraamp akeekkachiisa jabaa dhageessisan booda dhagahame.
Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariif kan jaarsummaan qaamota lamaan walitti fiduuf sosso'aa turan akka jedhanitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu battaluma hojiirra ooleera.
Waa'ee waliigaltee kanaa wanti hanga ammaa beeknu kunooti.
US fi Iraan maal jedhan?
Pirezidant Tiraamp Iraan yoo Ulaa Hormuuz bante ''torban lamaaf Iraan bombiin haleeluu dhaabuuf'' akka waliigalan dubbataniiru.
Ulaan Hormuuz ulaa ijoo boba'aafi omishaalee kaan biyyoota Galoo Galaanaa Galf keessaa baasuuf tajaajiludha.
Yeroof dhukaasa dhaabuuf kan waliigalan sababa ''galma waraanaa keenya ijoo waan galmaan geenyeefi'' jechuun Tiraamp Truth Social gubbaa barrreessan.
Yaadni Tiraamp kuni erga ''halkan tokkoon'' Iraan balleessuuf dhaadatan booda dhagahame.
''Akka hin deebinetti qaroomni guutuu har'a ni bada'' jechuun isa dhaadatan Barreessaan Olaaanaa UN fi Paaphasiin Ijoo Kaatolikii balaaleeffataniiru.
Iraan torban lamaaf dooniiwwan boba'aa baatan karaa Ulaa Hormuuz akka darban waliigalteetti. Waraanni Iraanis sochii isaanii qindeessa.
Dabalataan, Iraan qabxiilee kudhan kanneen akka Iraaq, Libaanos fi Yaman keessatti dhukaasni akka dhaabbatu, Iraan irraa qoqqobiin guutuu akka ka'u, fandiifi qabeenyi US'n duraa qabame akka gadhiifamu akkasumas sababa waraanaan miidhaa dhaqqabe beenyaan akka kaffalamuuf gaafatte.
Iraan akkasumas meeshaa niwukilaraa akka hin qabaanne akka waliigaltullee ibsite.
''Injifannoon Iraan dirreerratti [mul'ate] marii siyaasaan itita,'' jechuun Manni Maree Nageenyaa Iraan ibsa baasen dubbate.
Akka Sharif jedhanitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni Libaanos keessattis bakkee Israa'el hidhattoota Hezbollaa lolaan jira jettuttis hojiirra oola.
Aangawoonni Israa'el hanga Hezbollaan yaaddoo ta'u dhabutti Libaanos akka hin gadhiifne dubbataa jiru.
Israa'el Libaanos keessa oppireeshinii gaggeessitu ni dhaabdi kan jedhu odeeffannoon akeeku hin jiru.
Israa'el maal jette?
Akkuma Tiraamp beeksisaniin osoo hin turin, Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el misaa'ela Iraaniiti itti dhukaafame qolachaa akka jiru beeksise.
Kibxata halkan keessa Jerusaalemitti sagaleen dho'insa guddaa dhagahameera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Tiraampiin erga ifa ta'e booda, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu akkana jedhan: ''Israa'el murtee Pirezidant Tiraamp torban lamaaf Iraan haleeluu dhaabuuf waliigalan ni deeggarti, [kunis] Iraan atattamaan ulaa [Hormuuz] banuu akkasumas US, Israa'el fi biyyoota naannawicha jiran irrattii haleellaa [yoo dhaabdedha].''
Ibsi bahe ''waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanos hin dabalatu,'' jedheera.
Murtee Tiraamp keessatti hangam akka Netaaniyaahun qooda fudhatan hin beekamu.
Maaltu itti aana?
Biyyi jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fidaa jirtu, Paakistaan, bakka buutonni biyyoota lamaanii gaafa Jimaataa Islaamaabaaditti akka wal gahan affeerteetti.
Kunis, dhibdee isaan gidduu jiru furuuf waliigalteerra akka gahaniifi.
Pirees Sekireetariin Waayit Haawus Kaarolin Liivit waa'ee marii adeemaa jiru mirkaneessaniiru.
Haa ta'u malee, ''hanga Pirezidantiifi Waayit Haawusiin ifa ta'utti homtuu [murtee] kan xumuraa miti'' jechuun dubbatan.
Mariifi jaarsummaan yeroo kamuu salphaa hin ta'u.
Ammumayyuu biyyoonni lamaan waan waliigalteen dhukaasa dhaabuu waan qabateerratti ejjennoo wal darbu waan qaban fakkaata.
Iraan fi US waggaa darbe keessa si'a lama marii ta'aniiru.
Yeroo lamaanuu marii gidduutti muddamni waraanaa hammaateera.