Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal injifateera; Garuu Raayaan Arsenaaliin waancaaf dhaqqabsiisaa?
Amma Deevid Raayaan addunyaa irraa karra eegaa cimaadha. Yoo xiqqaate akka waayillan isaa jedhanitti.
Injifannoo Arsenaal Ispoortiing Liisban irratti argate irratti yoo xiqqaate kubbaa ciccimaa carraa galchii tahuu qabu afur oolcheera.
Kaayi Haavert galchii daqiiqaa dhumaatti lakkoofsiseen Arsenaal dirree isaan ala mo'atee deebi'eera.
Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii hanga nuusa xumuraatti Deevid Raayaa caalaa karra eegaan cimina akkasii agarsiise hin jiru.
Bara dorgommii kanatti taphoota 41 irratti kan taphate Raayaan taphoota 22 irratti galchiin irratti hin lakkaa'amne.
Taphoota lamaan darban Arsenaal mo'ame irratti Raayaan hin taphanne. Ammas Arsenaal taphoota sadii wlaitti aansuun mo'amuu irraa ooleera.
Ispoortiing Liisban Arsenaal irratti caalmaa agarsiisan qabu. Garuu galchii lakkoofsisuuf sababa cimina ittisaa fi karra eegaa Arsenaaliin dhabe.
''Ajaa'iba! Karra eegaa ajaa'ibaati'' jedhe Kaayi Haavert. ''Akkan yaadutti Raayaan addunyaa irraa karra eegaa cimaa tahee garuu ammayyuu taphataa hin faarfamnedha'' jedhe.
''Yeroo hedduu mo'amuu irraa nu oolcheera. isa qabaachuu keenyatti carroomneerra'' jedhe.
Liigota Awurooppaa gurguddoo shan keessaa hamma Raayaa galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin karra eegaan taphoota 22 galmeesse hin jiru.
Raayaan taphataa Ispoortiing Maaksii Aruuhoo jalaa kubbi deebise dinqisiifameera.
Raayaan ''kanumaafan as jira. Hamma danda'e gareekoo jabaadhee gargaaruub barbaada. Ittisa irratti qofa osoo hin taane kubbi bareedaan akka taphattoota dhaqabu gochuu irrattis isaan gargaaruufan hojechaa jira'' jedhe.
Arteettaan waggoota dhiyoon as haalli karra eegaan itti garee isaa gargaaru jijjiirameera. Raayaa irraa karra eeguu qofa osoo hin taane waan baay'ee akka hojjetu isa gaafanna'' jedhe.
Raayaan karra eegaa ''addaa fi jabaadha'' kan jedhe Arteettaan addunyaa irratti karra eegaa jabaa tokkoffaadha hin jenne.
Raayaan taphoota Piriimer Liigii 31 baranaa irraa taphoota 15 osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin xumure.
''Gahumsa qabuun garasitti, kaka'umsa fi fedha inni isa ammaa caalaa hojjechuuf qabu adda isa taasisa. Kun yeroo gahumsa olaanaa irra geessu kan galmeesitudha'' jedhe Arteettaan.
Bara darbes karra eegaa Nootiingihaam Foorest Maat Seelsi waliin badhaasa galchii osoo irratti hin lakkaa'amiin taphoota hedduu bahuu qooddateera.
Bara kana Raayaan badhaasicha dhuunfaan kan mo'atu yoo tahe akka gareetti waancaa inuma injifanna jechuudha jedhe Arteettaan.
Arsenaal waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii keessa jira. Lameenuu sadarkaa gaariin amma gaheera.
Tapha deebii dirree isaa Emireetis irratti Ispoortiing Liisban waliin taphatee yoo mo'ate walakkaa xumuraaf darbuun Arsenaal dorgomaa jabaa tahuu isaa itti mirkaneessa.
Riyaal Maadirid dirree isaa irratti mo'ame. Haarii Keenii fi Luwis Diyaaz galchii lakkoofsisuun Viinsent Koompaanii jalatti gahumsa guddaa irra kan jiru Baaayern Muunik injifatee deebi'eera.
Muunik yeroo dheeraaf Riyaal Maadrid mo'achuu hin dandeenye ture. Kaleessa garuu milkaa'aniiru.
Taphattoonni Riyaal Maadrid Muunik irratti ni injifanna jechuu isaanii leenjisaan kilebichaa Erbeloyaan dubbate.
Kiiliyaan Imbaappee fi Viinishiyes kan qabate Maadrid akkuma amala isaanii waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuuf akka galma qaban himaniiru.
Arsenaal seenaa kilebichaa keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee hin beeku. Bara kana garuu waancicha yeroo jalqabaaf mo'achuuf dheebuu akak qaban taphattoonni isaanii himaa turan.